Finfinne: Halkan keessaa naannoo sa’aa 6tti Hararirraa ka’ee dadhabbii cimaan booda magaalaa Finfinnee ga’e. daandii dheeraa hangana fagaatu immoo konkolaachisisaa dhiisii namoota konkolaaticha yaabbataniifis salphaa hinturre. Dadhabbii kana bayyanachuuf konkolaachiftootni hedduu Jimaa qama’aa adeemuun immoo daandii sanaaf waan irratti walii galame fakkaata.
Imalli dheeraan Harariifi Finfinnee gidduu ture dadhabbii cimaa haa qabaatu malee balaan tokko osoo hinuumamne kan goolabame ta’us, imala guyyaa ittaanuu irratti madaa yoomillee hinqoorre uumee darbeera.
Konkolaachisaan gaafas daandii dheeraa sana imale osoo hirriba gahaa hin argatiin bariidhuma sana imala biroo Finfinnee gara Hawaasaatti taasiseen lubbuunsaa haala hin eeggamneen du’arraa ooltus konkolaataa garagalchuudhaan akka hin taane ta’eera.
Daandiin km 500 Harariifi Finfinnee gidduu jiru fageenyasaa duwwaa osoo hintaane, lafa olka’aafi gadi bu’aa akkasumas daandii jajallataa waan ta’eef of eeggannoo cimaa ta’een konkolaachisaa turuu kan himu abbaan seenaa armaan olii Obbo Hasan Aliyyi, inni Finfinneefi Hawaasa gidduu jiru garuu km 260 innuu lafa diriiraafi bu’aa bahii tokko hinqabne waan tureef of dagannaadhaan osoo konkolaachisu naannoo magaala Nageellee Arsiitti mugee konkolaataa garagalchuusaa ibsa.
Sa’aa dheeraa boqonnaa malee konkolaachisuun sababa balaa sanaatiif sababa guddaa ta’us, daandiin mijataafi diriiraa ta’uunsaa immoo of dagannaa uumuudhaan sababa lammataa ta’uusaa dubbata.
Konkolaachisaan tokko walitti aansuudhaan sa’aa afurii ol konkolaachisuu kan hinqabne ta’uu kan himan immoo Yunvarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Kolleejjii Saayinsii Fayyaafi waggoottan sagaliif nageenya tiraafikaa irratti qorannoo gaggeessaa kan turan Doktar Tafarii Abagaaz, keessattuu daandiin lafa diriiraa Finfineefi Hawaasaa gidduu jiru yeroo ammaa balaa tiraafikaatiin dorgomaan kan hinargannef ta’uu ibsu.
Daandii diriiraan akka Finfinnee – Hawaasaa kun ariitii walfakkataa, kallattii walfakkaataafi bobo’as haaluma tokkoon kan kennamu waan ta’eef konkolaachiisoonni hojii kan hiikan ta’uu himanii, osoo konkolaachisan hojii hiikuun kun immoo muukuufi of dagannaadhaaf jara saaxiluudhaan dhumarratti immoo gara muguufi rafuutti dabarsa. Haalli kun immoo daandii sanarratti balaawwan gurguddoo uumaa jirachuu ibsu.
Bara 2011 ji’oottan sagal qofa keessatti biyyattiin lammiilee kuma afuriifi 10 balaa tiraafikaatiin dhabuunshee ni yaadatama.
Bayyanaa Ibraahimiin
Suurri Daanyee Abarraa
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011
8 Comments to “Daandiin Finfinnee- Hawaasaa balaa tiraafikaatiin dorgomaa hin arganne”