Finfinnee: Qorannoo waggoota muraasa dura Waldaa Ikonomistoota Itoophiyaatiin adeemsifame akka mul’isutti, dinagdeen Itoophiyaa bu’urrisaa qonna. Qonnimmoo kan hirkatu roobarratti. Adeemsi kun jijjiiramuu baannaan dinagdee biyyattiif yaaddeessaa ta’uu mul’isa. Humni elektirikii biyyattiis roobarratti kolugalee jira. Kunimmoo biyya indastirii gugguddaa ijaaruuf karoorffattee hojjetaa jirtuuf hudhaa ta’uusaati, kan hubatamu.
Ibsawwan tibba kana damee qonnaafi humna elektirikiitiin kennamanis kanuma dhugaa ba’u. “Sababa roobni yeroo eegeefi hamma barbaadame hinroobneef omishni hir’achuu danda’a. sababa roobni ga’aa hinturreef hanqinni elektirikii uumameera, kanaaf tajaajilli elektirikii dabareedhaan ta’a” kanneen jedhan qaamoota dhimmicha ilaallatuun kennameera.
Doktar Girmaa Tashoomaa Instiyuutii Qorannoo Imaammata Itoophiyaatti, qorataa dhimmoota imaammataati. Dhimma kana ilaalchisuun kaleessa ibsa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, qonniifi humni elektirikii biyyattii uumamarratti hirkataniitu jiru. Kan jechuun yommuu qabeenyi uumamaa rakkoon isa mudatu qonniis humni elektirikiis rakkoo keessa seenu. Kanaaf biyyattiin yeroo baay’ee beelaaf kan saaxilamtuufi dinagdeenshees indastiriitti ce’uu kan dadhabeef.
Rakkoon jijjiirama qilleensaa Itoophiyaa qofa osoo hintaane biyyoota kaanitti illee mudachaa jiraachuu kaasanii, rakkoo kana jalaa ba’uuf furmaati fudhatamus hamma danda’ametti filannoowwan biroo ilaaluudha. Guutumaan guutuutti adda baasuun rakkisaa ta’u hirkattummaa roobaa jalaa baasuuf garakuteenyaan hojjechuun barbaachisa jedhu.
Kunis gama qonnaatiin, qonni biyyattii maasaa xixiqqaarratti kan bu’uureeffame waan ta’ef, rooba cimmisuun jal’isiwwan xixiqqoo bifa aadaatiin hojjetamanitti fayyadamuun mala tokko ta’uu akka danda’u himu. Kanneen qonna babal’aafis akkasuma jal’isii guddaa fayyadamuun omishtummaa guddisuu gaafata. Kanarratti humna nama dhuunfaatiin qofa hojjechuun waan ulfaatuuf mootummaafi abbootiin qabeenyaa harka keessa galfachuu akka qaban addeessu.
Akka Doktar Girmaan jedhanitti, gama ibsaatinis akka biyyaatti kaappitaala guddaa gaafatuus hidhawwan guguddoo dabalataa ijaaruu barbaachisa. Inni biraammoo filannoowwan kanneen akka madda annisaa qilleensaafi aduutti fayyadamuun humna ni qusata, hamma bishaaniis akkasuma.
Ittifayyadama humna elektirikii waliin walqabatee qisaasamni waan jiruuf kanarratti bal’inaan hojjechuun furmaata. Akka carraa ta’ee Itoophiyaan humnoota aannisaa birootiin kan badhaate waan ta’eef haala kanaan rakkoo jiru furuu akka barbaachisu dhaamu.
Daarektarri Ittaanaa Mana Maree Daldala Afrikaa Doktar Kibuur Gannaa Bariisaaf akka ibsanitti, haala amma jiruun utubaa dinagdee kan ta’e qonni biyyattii, akkasumas ce’umsa indastirii taasifamuuf mootara kan ta’e humni elektirikii biyyattii roobarratti hirkatanii kan itti fufan taanaan rakkisaadha.
“Ta’uu kan qabu inni duraa qonna biyyattii jal’isiidhaan deggaruudha. Humna elektirikiif ammoo qabeenyawwan qilleensaafi aduutti fayyadamuudha. Kanneen lamaaniifu furmaati naannawaa ofii kunuunsuu, biqiltuu dhaabuu, wantoota rooba harkisan irratti xiyyeeffatanii hojjechuudha. Sababni isaa hanqinni roobaa qonnaafi humna ibsaa keenyarratti dhiibbaa geesisu sababa jijjiirama qilleensaatiin waan dhufuuf” jechuun gorsu.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011
6 Comments to “Qonniifi humni elektirikii Itoophiyaa yoom kolugaltummaa roobaa jalaa ba’a?”