Hawaasaa: Ummatni Sidaamaa saboota, sablammootaafi ummattoota naannoo Kibbaa keessatti hammatamuun jiraatan keessaa saba guddaadha. Ummata Oromoo waliin hortee tokko waan ta’aniif, seenaafi aadaan, akkasumas afaaniifi duudhaa qabaniin daran walfakkaatu.
Ummanni Sidaamaa akkuma ummata Hararii, Affaarii, Beenishaangul Gumuziifi kanneen biroo of danda’ee of bulchuuf waggoota darban keessa gaaffii naannoo ta’uu ykn naannootti guddachuu kaasaa tureera. Ta’us, dhiibbaa addaddaatiin deebii osoo hinargatiin har’a gahuusaa dhalattoonni Sidaamaa tibbana Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Shamarree Shittoo Bukkisaa jiraattuu magaalaa Hawaasaa yoo taatu, Sidaamaan ummata seenaafi aadaa bal’aa waraabamee hindhumne qabuudha. Sabootaafi sablammoota biroo waliin karaa nagaafi jaalalaan jiraachuufis ummata rakkatu miti jetti.
Ummanni Sidaamaa waggoota kudhanii oliif heera biyyattiin qabdurratti hundaa’ee gaaffii godinarraa gara naannootti guddachuu kaasaa tureera kan jettu dubree Shittoon, baranas gaaffiidhuma walfakkaatu karaa nagaan si’a hedduu mootummaa federaalaaf dhiyeessaa turee; jiras jechuun ibsiteetti.
Gaaffiin naannoo ummata Sidaamaan ka’aa ture sadarkaa dhaaba bulchiinsa mootummaa naannicha bulchaa jiruun fudhatama argatee ragga’uyyuu mootummaa federaalaatiin deebii hatattamaa dhabuunsaa komiifi qeeqa kaasaa akka jirus dubbatteetti. Kanaaf, mootummaan walitti bu’iinsi osoo hinuumamiin deebii hatattamaa kennuu qabaa jetti.
Dargaggoo Botee Damichoos jiraatuma magaalaa Hawaasaati. Akka inni jedhutti, ummanni Sidaamaa akkuma saboota biroo sirna dargiirraa kaasee kallattii hundumaan hacuucamaa tureera. Erga ADWUIn biyyattii bulchuu jalqabees gaaffilee misoomaafi ofiin of bulchuu gaafachaa turuyyuu hanga har’aatti deebii gahaa hinargannee jedha.
Jijjiiramoonni siyaasaa wayita ammaa mul’achaa jiran akka carraatti fayyadamuuf bara darbe gaaffiin asiin dura gaafatamaa ture irraa deebiin gaafatameera; mootummaan federaalaa garuu callisuu filateera jechuun komii ummanni qabu himeera. Yeroo gabaabaa keessatti deebiin kan hinkennamne yoo ta’e heera biyyattiirratti hundoofnee naannoo 10fa ta’uu keenya labsachuuf qophoofneerraa jedha.
Obbo Maarqos Sulxaanis ammoo jiraataa magaalattii yoo ta’u, ogeessa seeraati. Akka isaan dubbatanitti, gaaffiin ummata Sidaamaa godinarraa gara naannootti guddachuu heera biyyattii keeyyata 39/3 bu’uureffachuun gaafa guyyaa 11/11/2010 mootummaaf kan dhiyaate yoo ta’u, gaafa 12/11/2010 ammoo mana maree godinichaatiin mirkanaa’eera.
Manni Maree Naannoo Ummattoota Kibbaas heera biyyattiirratti hundaa’uun gaaffii ummatichaan dhiyaachaa ture sagalee guutuun mirkaneesseeraa jedhanii, kanaan booda deebiin mootummaa federaalaatu eegamaa jira. Mootummaan federaalaas deebii hatattamaa kan hinkennine yoo ta’e, ummanni Sidaamaa gaafa guyyaa 11/11/2011 naannoo bulchiinsa Sidaamaa labsachuuf qophii xumuruusaa ibsaniiru.
Gaaffii, “ Hanga har’aatti mootummaan deebii osoo hinkenniin maaliif callise?” jedhuufis tarii walta’insaan biyyattii ijaaruurratti mootummaan yaaddoo keessa galuu danda’aa jedhan. Kanaaf ammoo callisuun furmaata waaraa hinta’uu jedhanii, heera Itoophiyaan ittiin bulaa jirturratti hundaa’anii gaaffii ummataa deebisuun murtessaa ta’uusaa ibsan.
Gaaffiin naannoo ummata Sidaamaa barana mootummaatiin deebii kan argatu yoo ta’e kanneen biroos fedhii guddaa kan qaban hedduu ta’uu malu. Kun ammoo yaaddoo mootummaa federaalaa ta’uusaa hubachuun danda’ameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Tsahaayi Nuguseetiin)
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011
6 Comments to “Gaaffii naannoo ummata Sidaamaafi yaaddoo mootummaa”