Ayyaanni Iid Alfaxir baranaa bilisummaan kabajamuunsaa adda jedhame

Ayyaanni Iid Alfaxir baranaa bilisummaan kabajamuunsaa adda akka isa taasisu hordoftoonni amantichaa sirna kabaja ayyaanichaarratti dubbisne dubbatan.

Ayyana Iid Alfaxir barana yeroo 1440ffaaf magaalaa Finfinneetti kibxata kabajamerratti hordoftoota amantichaa  dubbisne keessaa jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta’an Obbo Mohaammad Abaatee isa tokkodha.

Bara 2004 eegalee mootummaan manneen amantii musliimaa  keessa harkasaa galchuun rakkoo uumaa turuu dubbataniiru.

Kunis Ulaamaawwan gameeyyii ta’an manneen amantichaa keessatti hoogganuu osoo qabanii mootummaan harkasaa keessa galchachuun waldhabdeen manneen amantichaa keessatti akka uumamu gochaa turaniiru jedhu.

Kun kan ta’eefis manneen amantii ergama mana amantii osoo hintaane kan mootummaa galmaan akka gahan taasifamaa turuunsaanii sirrii akka hintaane Obbo Mohaammad dubbatu.

Dogoggorri bara 2004 kaasee muudachaa ture kun akka itti hinfufneef  qabsoo mana barumsaa Awwaliyaa keessatti eegaleen jijiiramni har’a mul’ate kun akka ija godhatuuf bu’uura buusuu Obbo Mohaammad himaniiru.

Yerooo ammaattis hordoftoonni amantichaa hooggantoota beekumsa amantii Islaamaan gahumsa qabaniin guutamuunsaa bilisummaan amantii kun lafa akka qabatu ta’uusaa himaniiru.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti argamuun haasa’a kan taasisan Pirezdaantii Ittaanaa  Dhimma Isilaamummaa Muftii Hajii Idriis gamasaaniin bilisummaan amantii Isilaamaa keessatti bara kana calaqqise addadha jedhaniiru.

Haala seenaa keessatti kanaan dura ta’ee hinbeekneen dhimmi Isilaamaa dhimma kooti jechuun fakkeenyummaa  Minsitirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad  agarsiisan isa jalqabaa akka ta’e Muftii Hajii ibsaniiru.

Keessumattuu nyaata qopheessuun sooma hiiksisuu, waldhabdeen jiru akka furamuuf deeggarsa gochuun, bakka salaataa qulqulleessuun aantummaa amantichaaf qaban mul’isuunsaanii jajjabeessaa ta’uu dubbatu.

Sosochii Ministirri Muummee Itoophiyaa gama kanana taasisan hordofuun Kantiibaan Ittaanaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Injinar Takkalaa Uumaa akkasumas Ministirri Dhimma Alaa Obbo Gadduu Andaargaachoo aantummaa amantii Islaamaaf qaban agarsiisuunsaanii seenaa haaraa ta’uu Muftii Hajiin ibsaniiru.

Uummatni Islaamaas uummata nagaa barbaadu, nagaa labsuufi abdii biyyaa ta’edha kan jedhan Muftii Hajii ayyaana baranaa kan qeeqa tokko malee ayyaaneffachuusaa kan nama gammachiisudha jedhaniiru.

Iid jechuun gammachuu waggaa waggaan naanna’udha kan jedhan Muftii Hajiin gammachuun ayyaana baranaarratti dhandhaman kun itti fufiinsa akka qabaatuuf hordoftoonni amantichaa qindoomuu akka qaban dhaamaniiru.

Hudhaaleen kanaan dura karaa amantootaa ka’aa turan hedduunsaanii mootummaa Itoophiyaan deeggarsaaf furmaata argachaa jiru edhanii, hordoftoonni amantii Islaamaa sosochii mootummaan taasisaa jiru kan cina dhaabbachuun deeggaruu akka qaban dhaamaniiru.

Ayyaanni Iid Alfaxrii bara kanaas Istaadiyoomii magaalaa finfinnee bakka hordoftonni amantichaa miliyoona 1.3 ot ta’an argamanitti bifa ho’aatiin kabajamee ooleera.

Waasihun Takileetiin

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Recommended For You

3 Comments to “Ayyaanni Iid Alfaxir baranaa bilisummaan kabajamuunsaa adda jedhame”

  1. Pingback: หวย LSM99

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *