“ABOfi mootummaa qofa osoo hintaane jaarmiyaaleen kaanis waliigalanii kaayyoo tokkoof socho’uu qabu” -Hayyoota

Finfinnee: Addi Bilisummaa Oromoo Jaal Daawud Ibsaatiin durfamu waamicha mootummaan Itoophiyaa taasiseef fudhachuun gara biyyaatti erga galee ji’oota sagal caaleera. Ta’us Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n bosona jiru hundi hidhata waan hinhiikanneef waldhabdeen ABOfi mootummaa gidduutti uumame ture. Rakkoo kana hiikuuf Koreen Tekinikaa Araaraa hundaa’uun sochii taasisaa tureera; hojii heddus raawwateeraa.

WBO bosona jiruf waamicha taasisuun simannaa taasisuurraa kaasee, haala isaan keessa jiran hordofuu, hoggantoota ABOfi mootummaa waliin marii taasisuun hojiilee ijoo korichi raawwateedha. Roobii darbemmoo korichi murtoo xumuraarra qaqqabeera. Haala kanaan qaamonni lamaan dhimmoota ijoo armaan gadiirratti waliigalteerra gahaniiru.  

ABOn ammaan booda loltuu bosonaa kan hinqabneefi mootummaa waliinis hariiroo lolaa akka hinqabne,  ABOn qabsoo nagaa geggeessuuf akka paartiitti galmaa’ee waajjiroota isaa bakka hundatti akka banatu, kanas mootummaan akka haala mijeessu, namoonni sababa waldhabdee kanaan hidhaman akka gadi lakkifaman. Akkasumas,  humnoonni hidhatanii Oromiyaa keessa beekamtii mootummaa malee socho’an kamiiyyuu kara nagaa akka deebi’an, kanneen didan mootummaa, ummataafi dhaabbileen siyaasaa waliin tumsuun nagaafi seera akka kabachiisan kanneen jedhan keessatti argamu.

Murtoon murtoo ummanni Oromoo eegaa ture yoo ta’u, ammas dafee hojiitti hiikamee ummanni nagaan akka jiraatuuf ariitiidhaan hojjetamuu akka qabu yaadoonni ka’aa jiru. Gargaaraa Piroofeesaraa Bizaayyoo Daggafaa ibsa Bariisaaf kennaniin, ABOfi mootummaan yeroo baay’ee waliigaltee kan raawwatan ta’us utuu fala hinargatin hamma yoonaa turuun ummanni gidduutti aarsaa kanfaluuf dirqamuusaa kaasu. Sababa kanaan qabeenyi gubateera, saamameera, lubbuun namoota hedduu badeera jedhu.

Bu’uura waliigaltee dheengaddaatiin akka Jaal Daawud Ibsaan ifatti himanitti, waraanni ABOdhaan hogganamu kan hinjirre ta’uusaatiin, ilmaan Oromoo qabsoo dhugaaf manasaaniitii ba’an kana beekuun karaa nagaa ummatatti makamuun akka irra jiraatu ibsu. Mootummaanis waadaa seene kabajuun namoota hidhaman hiikuu, miseensoota WBO ummatatti makamaniif waan barbaachisu taasisuun rakkoon ummatichaa dhuma argachuu akka qabu eeru.

Yeroon ammaa yeroo itti waa’ee siyaasaaf mataa of dhukkubsan otoo hintaane, yeroo dinagdeerratti xiyyeeffatamu ta’uu akka malu kan kaasan Gargaaraa Piroofesaraa Bizaayyoon, waldhabdeerraa qaamni fayyadamu waan hinjirreef jaarmiyaaleen siyaasaa hundi iyyuu waliigalanii kaayyoo tokkoof socho’uu malee ofii waliigaluu dhabanii sagalee ummataa hiruu akka hinqabne gaafataniiru.

Pirezdaantiin Gamtaa Barattoota Oromoo, Ahimad Mahammad akka jedhutti, murtoon ABOfi mootummaa injifannoo olaanaa ta’uu eeree, gamtaan isaanis dhimma kana hiikuuf sochii taasisaa waan tureef deebii akka ta’us kaaseera.

Qaamoota lamaan gidduutti danqaa guddaa ta’ee ummata gidduutti shakkii uumaa kan ture  dhimma waraanaa ta’uu eeree, amma murtoo akkanaarra ga’amuun isaa waan guddaadha jedha. Kanaa booda yeroo utuu hinfudhatin ABOnis ijoollee bosona jiran karaa nagaan ummatatti akka makamaniif waamicha taasisuu akka qabuufi mootummaan ammoo waadaa seenee eeguufi utuu lubbuun nama tokkoollee hinbadin olaantummaa seeraa kabachiisus akka qabu himeera.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Caamsaa 23/2011

Recommended For You

2 Comments to ““ABOfi mootummaa qofa osoo hintaane jaarmiyaaleen kaanis waliigalanii kaayyoo tokkoof socho’uu qabu” -Hayyoota”

  1. Pingback: do not trust

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *