Duudhaan waliin jireenya ummattoota Itoophiyaa cimee ittifufa

Itoophiyaan biyya sabootni, sablammootniifi ummattootni afaan, aadaafi amantii adda addaa qaban hedduun keessa jiraataniidha. Ummattoonni biyyattii afaan, aadaafi amantiidhaan adda adda ta’aniyyuu duudhaa nagaa, jaalalaafi tokkummaatin waliin jiraachuu jaarraa lakkoofsise qabu. Waltajjiin marii duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenya ummattoota biyyattii  daran cimsu naannolee biyyattii gara garaatti geggeeffamaa tureera; geggeeffamaas jira.

Marichi hariiroo tokkummaa, jaalalaafi nageenyaan waliin jiraachuu ummataa daran cimsuufi nageenyi akka mirkanaa’u gochuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Nagaa, jaalala, tokkummaafi obbolummaa waliin jiraachuun mallattoo ummattoota Itoophiyaati. Ummatni Oromoos duudhaa saba kamiyyuu waliin nagaafi jaalalaan jiraachuu qaba. Duudhaan kun shira diinni xaxu kamiinuu gufachuu hindanda’u.

Waltajjiin marii hariiroo waliin jireenya ummattootaa biyyattii daran cimsuuf bakkeewwan adda addaatti geggeeffamus dogoggora ilaalchaa sirreessuufi dhugaa jiru fuulaafi fuulatti walitti himuudhaan duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu ummattoota biyyattii jabeessuuf gargaara. Kanaafuu waltajjiin marichaa ummattoota biyyattii hunda waliin taasifamuu qaba. Waantootni mariidhaan irratti waliigalamanis hojiitti hiikamuu qabu.

Ollaan yoo nagaa ta’e nagaan ba’anii galu waan ta’eef haaluma Oromiyaan naannolee ollaa Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Somaalee, Hararii, Gaambeellaafi Afaar wajjin hariiroo uumuu eegaleen hundinuu dhimma nageenya irratti tokkummaan waliin hojjechuu qabu. Ummatniifi ummatni walargee rakkoo kamuu mariidhaan furuu qaba.  Waltajjii marii hawaasaa rakkoo nageenyaa furuufi walitti dhufeenya ummataa cimsaa jiru kun itti fufiinsaan adeemsifamuu qaba.

Ummatoonni Itoophiyaa aadaa, afaaniifi dhiigaan waan walitti hidhamaniif duudhaa jaalalaafi tokkummaan waliin jiraachuu jaarraa lakkoofsise qabu. Hariiroon hawaasaa kun har’a kan jalqabame utuu hintaane jaarraa kan lakkoofsiseedha. Tokkummaan ummattootaa kun bu’uura cimaarratti waan ijaarameef humnaafi shira kamiiniyyuu diigamuu hindanda’u.

Humni tokkummaa ummattoota biyyattii diiguufi nageenya biyyattii booressuuf socho’u jiraatus yoomiyyuu milkaa’uu hindanda’u. Namootni meeshaa waraanaa seeraan alaa deddeebisuudhaan jeequmsa uumuuf socho’anis gochasaanii irraa dafanii of deebisuu qabu.  Odeeffannoo ummata gidduutti shakkii uumuufi sabummaan akka walitti bu’an taasisu tamsaasuurraas of qusachuu qabu.

Bariisaa Caamsaa 16/2011

Recommended For You

6 Comments to “Duudhaan waliin jireenya ummattoota Itoophiyaa cimee ittifufa”

  1. Pingback: mlm business
  2. Pingback: tải no789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *