Bulchiinsa Heera keeyyata 96fi 97 jalatti aangoon gibiraafi taaksii mootummaa federaalaa akka ittaanutti tumameera.
Keeyyata xiqqaa
- Mootummaan Federaalaa meeshaalee alatti ergamaniifi galanirratti shuura gumrukii, taaksiifi kafaltiilee biroo ni buusa, walitti qaba.
- Mindeeffamtoota dhaabbilee federaalaafi biyyoolessaarratti gibira hojiin ibuusa, walitti qaba.
- Dhaabbilee misoomaa mootummaa federaalaa jala jiranirratti gibira bu’aa daldalaa, gibira hojii, taaksiifi gurgurtaafi eksaayizii ni buusa, walitti qaba.
Keeyyata 97 Aangoo taaksiifi gibiraa bulchiinsota naannolee
Keeyyata xiqqaa
- Naannoleen mindeeffamtoota naannoofi dhaabbileerratti gibira nibuusu, walitti qabu.
- Kafaltii fayyadama lafaa ni murteessu, walitti qabu.
- Daldaltoota naannoosaaniitti argamanirratti taaksii bu’aa daldalaa, gurgurtaafi gibiraa ni buusu, walitti qabu.
- .Dhaabbilee misoomaa abbummaa naannichaa jala jiranirratti taaksii bu’aa daldalaa, gurgurtaafi gibira hojii ni buusu, walitti qabu.
10. Kafaltii royaalitii (abbummaa) bosonarraa argamu ni murteessu, walitti qabu
Keeyyata 98
Keeyyata xiqqaa
- Mootummaan federaalaafi naannolee dhaabbilee misoomaa wajjimmaan hundeessanirratti gibira bu’aa daldalaa, hojii, taaksii gurgurtaafi ekisaayizii wajjummaan ni buusu, walitti qabu.
- Bu’aa daldalaa dhaabbileefi qooda bu’aa abbootii aksiyooniirratti gibiraafi taaksii gurgurtaa wajjummaan buusu, sassaabu.
- Hojiilee olaanaa albuudaafi hojiilee peetroliyamiifi gaaziikamuurratti kafaltiiwwan royaalitii ni buusu, walitti qabu.
Bakka waa’ee aangoofi hojii Mana Marii Federeeshinii ibsu, Keeyyata 62 (7) jalatti ammoo galiiwwan wajjummaa naannoleefi mootummaa federaalaa jedhamanii ramadaman haalatti lamaansaanii jidduutti qoodamurratti akkasumas shalaggii mootummaan Federaalaa naannoleef hirpha kennu ni murteessa jechuun tumameera.
Haalatti taaksiiwwaniifi gibiroonni wajjummaa kunniin bulchuun danda’amurratti bara 1989 Ministeerri Maallaqaa bakka tokkotti bulchuun rakkisaa ta’uu eeree gaaffii fooyyessa heeraa dhiyeesseen aangoon taaksii buusuufi walitti qabuu kan mootummaa federaalaa akka ta’uuf murtaa’eera. haalatti heerichi keeyyatichi fooyya’erratti gaaffiin yoo jiraatellee kan jedhan Mana marii Federeeshinitti Walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hirpha Bajataafi Qoodiinsa Galiiwwan Wajjummaati.
Walitti qabichi Obbo Hayiluu Ifaa waltajjii Sanbata darbe dhimma shalaggii qoodinsaafi bulchiinsa galiiwwan mootummaa Federaalaafi naannoleerratti geggeeffamerratti akka jedhanitti, shalaggiin amma hojiirra jiru kan ture waan ta’eef haala qabatamaa biyyattiin ammaan tana gama hundaanirra geesse wajjin walsimsisuuf wixineen fooyyessaa kun qophaa’eera.
Shalaggiin hojiirra iftoomina kan hin qabne, gadi fageenyaan qo’atameefi ibsamee waan hinteenyeef madda rakkoo ta’aa jiraachuus eeraniiru. Kanaanis shalaggichi hunda biratti amanamumaafi iftoomina waan hin qabneef hariiroo mootummootaarratti shakkii kan uumuu ta’uu himaniiru.
Dhimmi bulchiinsa galiiwwan wajjummaas raawwiirratti rakkoo akka qabu naannoleedhaan ibsaa turuu Obbo Hayiluun eeranii, qo’annoolee addaaddaatiinis agarsiifamuusaa dubbatu.
Yunivarsitii Finfinneetti Barsiisaa Ekkonomiksiifi gorsaan sanada wixinee Shalaggii Qoodinsaafi Galiiwwan Wajjummaa Doktar Sisaay Raggaasaa akka jedhanitti, wixinichi gaaffiilee ijoo sagaliif deebii kan kennuudha. Kanneen keessa maddiwwan galii wajjummaa kamfaa akka ta’an, kaayyoo galiiwwan wajjummaa, galii wajjummaarratti taaksii eenyu akka buusuufi kkfn kan eeraman ta’uu ibsaniiru.
Shalaggiin qoodinsa galiis biyyoota addaaddaatti qajeelfamawwan madda galiitiin (‘drivation), walsimsiisuu (‘equalification’)fi tokko tokkoon amaatiif walqixaan (‘equal per capita’) qooduu taa’uus Doktar Sisaay eeraniiru.
Haallitti dhaabbileen hojiisaanii guutuun naannoo ta’ee waajjira muummee Finfinnee dhaaqaban haalatti gibira kanfalan irrattis sanada dhiyaaterratti hundaa’uun marii bal’aan geggeeffameera.
Maricharratti Ministeeronni Galiiwwanii, Maallaqaa, pirezidaantonniifi pirezidaantonni ittaanoon, bakka bu’oonni naannolee, qaamoleen galiiwwanii sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachuun yaadota wixinicha gabbisan dhiyeessaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Caamsaa 2/2011
7 Comments to “Wixinee fooyyessa shalaggii qoodinsaafi bulchiinsa galiiwwan wajjummaa”