Marii hariiroo obbolummaa cimsuu Oromiyaatti

Mariin hariiroo obbolummaa cimsu Kibxata darberraa eegalee sadarkaa godinaafi maagaalota guguddooti jalqabe guyyaa dheengadda sadarkaa aanaaleetti itti ittifufuun kaleessa ammoo gandoota naannichaatti gegeeffameera.

Marichaan duudhaa gaggaarii waliin jireenyaa ummattoota walitti hidheefi tokkoomsee dhalootaa gara dhalootaatti cehaa dhufe cimsachuun akka barbachisu walii galtee irra ga’ameera.

Odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaarraa argame akka ibsutti shira daldaaltoota siyaasaa irraa of eeggachuun bu’uura cimaa nageenyaa, misoomaa, guddinaafi badhaadhinaa waliin taasifachuun tokkummaafi jaalalaan fuulduratti tarkaanfachuun akka dandanda’amu ejjennoon qabatameera. 

Walitti bu’iinsiifi walbuqqisuun shira daldaaltota siyaasaa irraa kan madde malee bu’uura ummattootaa kan hinqabne ta’uurrattis waliigaltee irra ga’amuun ibsameera.  

Mootummaan dirree demokraasii bal’isuuf mirgi midiyaaleedhaaf kenne gaarii ta’ullee, miidiyaaleen tokkoo tokko sadarkaa mirga ofii itti shaakalan wallaalurraa kan ka’e duudhaa waliin jireenyaa ummattootaa booressaa jirus jedhameera.   Mootummaan adeemsa kanatti luugama gochuu akka qabu gaafatameera.  

Dirree demokraasii bal’atetti paartiileen siyaasaa ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan akka tarkaanfachiisaniif mirgi hindaangofne kan kennameef ta’ullee, jaarmiyaalee gama tokkoon qabsoo karaa nagaa jechuun gama biraatiin ammoo ummatoota walitti buusanirrattis  mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu qaba jedhameera. 

Mariin walfakkaatu sadarkaa aanaaleetti gaggeeffame yoo ta’u, , duudhaalee gaggaarii waliin jireenya ummattootaa shira daldaaltoota siyaasaa irraa baraaruun bu’uura misoomaa, nageenyaa, guddinaafi badhaadhina waliinii taasifachuun akkaataa guddinaan waliin tarkaanfachuun danda’amurratti mari’atamuun ejjennoon qabatameera.

Marii kanarratti ummattoonni oboleewwanii aanaalee Oromiyaafi daangaa naannolee ollaatti argaman hirmaataniiru. Marichi sadarkaa gandootaattis haaluma walfakkaatiin geggeeffameera.  

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

4 Comments to “Marii hariiroo obbolummaa cimsuu Oromiyaatti”

  1. Pingback: streameast

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *