“Malaammaltummaa ittisuuf qindoominni dhaabbilee dimokraasii bittinnaa’aadha” -Qorannoo

Finfinnee: Akka biyyaalessaatti rakkoolee guguddoo Itoophiyaa mudachaa jiran keessaa malaammaltummaan isa ijoo yoo ta’u, kutaalee hawaasaa hunda miidhuun namootni muraasni qofti qabeenyi ummataatti seeraan ala akka fayyadaman kan taasisu ta’uu hayyoonni ni ibsu.

Doktar Geetaahuun Kaasaa Yunivarsiitii Finfinneerraa barsiisaafi ogeessa seeraati. Malaammaltummaa ittisuuf shoora dhaabbileen dimokraasii bahachaa jiran daran laafaa ta’uu waltajjii Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Kibxata darbe Hoteela Giyoonitti qopheesserratti gabaasa  qorannoosaanii dhiyeessaniiru.

Akka gabaasa qorannoo Doktar Geetaahunitti, Itoophiyaa keessatti gochi malaammaltummaa  daangaasaa babal’ifachaa waan jiruuf dhimma yaaddessaadha. Kunis aangawootni mootummaa qabeenya ummataatti seeraan ala fayyadamuun,  tajaajila si’ataa kennuuf matta’aa kennuu ykn fudhachuun, qaala’insi jireenyaa hammaachuufi gatiin sirna bittaafi gurgurtaa humnaa ol dabalaa jiraachuunfaa amaloota gochoota malaammaltummaa mul’achaa jiraniidha jedhu.

Amaloonni kunneen ammoo gama hundaan dhaabbileen dimokraasii kanneen akka Komishiniin Mirga Namoomaa, Waldaaleen Siivikii, Manneen Murtii, Miidiyaaleen, Dhaabbata Abbaagar, akkasumas Boordii Filannoofi Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa qindoominaan akka hinsochoone taasisuusaa ibsaniiru. Kunis hariiroon mootummaafi ummataa daran akka laafu godheera jedhu.

Biyyoota addunyaa miseensa Mootummoota Gamtoomanii malaammaltummaa ittisuuf waliigaltee uuman 186 keessaa Itoophiyaan sadarkaa 107farratti argamti kan jedhan Doktar Geetaahuun, gocha malaammaltummaa ittisuutiin biyyoota Afrikaa afur (Naamibiyaa, Ruwaandaa, Moorishasiifi Keepi Verdee) qofatu maqaa gaarii qaba.

Itoophiyaattis sektarootni  mootummaa dhibbantaan 35 qabeenya ummata bal’aa seeraan ala fayyadamaa waan jiraniif gocha malaammaltummaatiif saaxilamaniiru jedhu. Kunimmoo dhaabbileen dimokraasii ittigaafatamummaasaanii sirnaan  akka hinbahanneef dhiibbaa guddaa uumeera jechuudha.

Gocha malaammaltummaa ittisuuf ykn hir’isuuf qindoominni dhaabbilee dimokraasii daran laafaa yaa ta’u malee ammallee kutannoon mootummaa gadaanaa ta’uu dubbatu. Hundarra ammoo gocha kana ittisuuf tarsiimoon Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa qopheessee ittiin hordofaafi to’achaa jiru bittinnaawaa waan ta’eef bu’aa qabeessa ta’uu hindandeenyee jedhu.

Kanaafis dhaabbileen mootummaa federaalaafi naannolee marti baajataafi qabeenya ummataa hojiirra oolchanirratti walii waliisaanii hordofuufi to’achuu akka qaban gorsu. Kana waliin ammoo dhaabbileen dimokraasii keessumaa dhaabbileen abbootii seeraafi miidiyaaleen loogii tokko malee bilisaan gaheesaanii bahachuu akka qaban yaadachiisu.

Dorgommiin siyaasaafi filannoon biyyaalessaa haqarratti hundaa’e guutummaa biyyattiitti hojiirra akka oolu taasisuunis gochootni malaammaltummaa akka burkutaa’aniif shoora olaanaa qabaachuu eeru.

Komishinarri Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Obbo Ayyalliny Mulaalam gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan gochoota malaammaltummaa ittisuuf waggoota darban keessa tarsiimoowwan addaddaa bocuun tattaafachaa turteetti.

Kanaanis haala malaammaltummaa ittisuun danda’amurratti sagantaalee kanneen akka barnootaafi leenjii kennuun hubannoon lammiilee akka gabbatu gochuun danda’ameera jedhan. Yakkoota malaammaltummaan walqabatanirratti qorannoo taasisuufi tooftaalee gochicha dursanii ittisuun danda’amurratti hojiilee bal’aan hojjetamaniiruu jedhu.

Gochoota malaammaltummaa dursanii ittisuuf qoodni dhaabbilee dimokiraasiis olaanaa waan ta’eef ammaan booda qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Caamsaa 2/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Malaammaltummaa ittisuuf qindoominni dhaabbilee dimokraasii bittinnaa’aadha” -Qorannoo”

  1. Pingback: lights out gummies

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *