Finfinnee: Waariin aartii aadaa Oromoo Booranaa Keeniyaa, Naayiroobiitti adeemsifamuusaa Embaasiin Itoophiyaa Naayiroobiitti argamu ibse. Sirnicharrattis Booranni biyyoota lamaan jiraatu riqicha dippiloomaasii ta’uun ibsameera.
Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Mallas Alam ibsa bilbilaan Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waariin aartii ogeessotaan qophaa’ee waggaatti altokko geggeeffamu tibbana adeemsifameera.
Qophii kanarratti Pirezidaantii Ittaanaa Rippablikii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo dabalatee jiraattonni naannawa Marsaabeet, Ishoolloo, Xaanaa Riivar akkasumas Itoophiyaarraa embaasiin Itoophiyaa, Godinni Booranaa, hayyoonni, abbootiin Gadaa, gareen aadaa, jaarsoliin biyyaa, dubartoonni, dargaggoonni hirmaataniiru.
Akkasumas, lammiileen Itoophiyaa, bulchiinsoni naannolee Keeniyaa, miseensonni paarlaamaafi seeneetii baay’een uffannaafi faaya aadaa Oromootiin miidhaganii argamuun ergaawwan adda addaa dabarsuusaanii beeksisaniiru.
Qophichi daran guddaa ture kan jedhan Ambaasaaddar Mallas, ummanni Booranaa Keeniyaafi Itoophiyaatti argamu biyyoota lamaaniif riqicha dippiloomaasii ta’uusaanii himaniiru. Kanaanis biyyoonni lamaan hariiroo dippilomaasii cimaa akka qabaatan gochuurratti gumaacha olaanaa waan qabuuf qophichi waggaatti altokko kan geggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon qophichaa ijoon safuu, duudhaafi aadaa Oromoo Booranaa beeksisaa hariiroo caalaatti cimina qabu uumuu, kanaanis nageenyaafi misooma waaraaf gumaachuu ta’uus eeraniiru.
Waltajjiin aadaa akkanaa fuuldurattis cimee ittifufa jedhanii, embaasaaiin Itoophiyaa Keeniyaatti argamu lammiilee Itoophiyaatiif yeroo kamuu caalaa banaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru. Dhiyeenyuma kanallee sirna cidhaa lammiilee Itoophiyaa geggeessuusaa himaniiru.
Ummatoonni Keeniyaafi Oromoo ilmaan abbaa tokkoo ta’uufi abbaa Gadaa tokkoon kan bulan waan ta’eef qophiileen akkanaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu keessatti shoora olaanaa akka qabu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.
Keeniyaa keessa lammiileen Itoophiyaa keessumaa dhalattoonni Oromoo baay’inaan kan jiraatan ta’uu eeranii, sochii jijjiiramaa as taasifamaa jiruun “Diaspora trust fund”fi dhimmoota biyyasaaniirratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu addeessaniiru.
Qophicharratti kan hirmaatan Ittigaafatamaa Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaa Obbo Bonayyaa Diidoo gamasaaniitiin, waltajjichi guutummaatti Afaan Oromootiin kan geggeeffame ta’uu eeranii, Pirezidaantii Ittaanaa Rippablikii Keeniyaa, Wiiliyaam Ruuttoonis Afaan Oromootiin haasaa gochuusaanii beeksisaniiru.
Dhalattoonni Oromoo Keeniyaatti argaman uffannaawwan aadaa Oromoo godinaalee gara garaatiin miidhaganii argamuusaanii eeranii, qophiin walfakkaatu dhiyeenyumatti Booranaa, Yaa’a Bal’ootti geggeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Ummanni Oromoofi Keeniyaa (Boorana) keessa jiraatu abbaa Gadaa tokkoon kan bulan ta’uus ibsaniiru. Qophicharratti waantonni aadaa ummatoota lamaanii ibsan bal’inaan dhiyaachuus Obbo Boonayyaan beeksisaniiru
Hariiroon dippilomaasii Itoophiyaafi Keeniyaa jidduutti eddii eegalame waggoota 55 kan lakkoofsise yoo ta’u, Embaasiin Itoophiyaa hariiroo waggoota hanganaa lakkoofsise kabajuuf qophiirra jiraachuun beekameera.
Charinnat Hundeessaatiin
Bariisaa Ebla 25/2011
5 Comments to “Booranni Oromoofi Keeniyaa biyyoota lamaaniif riqicha dippiloomaasiiti jedhame”