Bara 1935 Oromiyaa Lixaa, Dambi Doollootti kan dhalataniifi waggoota 30 darbaniif siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa ho’aa gochaa kan turan pirezidaantiin duraanii Mootummaa RFDI, Doktar Nagaasoo Gidaadaa Sanbata darbe umriisaanii waggaa 76 Jarmanitti otoo wal’aansarra jiranii boqotaniiru.
Oduun boqonnaasaanii kun lammiilee biyyattiitti gadda gudda kan uume yoo ta’u, kanneen carraa argatan gaddaasaanii karaa miidiyaalee adda addaa ibsataa jiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad gadda cimaa du’a Doktar Nagaasoo pirezidaantii duraaniitti itti dhaga’ame ummata Itoophiyaa hundaafi firootasaaniif ibsuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.
Pireezidaantii ittaanaan BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, gadda cimaa du’a Doktar Nagaasoo Gidaadaatiin itti dhagahame ibsanii, maatiif firootasaaniif jajjabina hawwaniiru.
Doktar Nagaasoo Gidaadaa dargaggummaasaaniirraa kaasee Itoophiyaa demokraatessuu keessatti hirmaannaan isaan taasisan keessattuu siyaasaafi sabboonummaa ammayyaa Oromoo ijaaruu keessatti nama yoomillee laphee ummata Oromoo keessaa hinbanneedha jechuun ibsan.
Hayyoominni Doktar Nagaasoon biyya keessaafi alatti Ogummaa barataniin qorannoowwan aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo calaqqisiisaniifi tokkummaa biyyattii cimsuf gumaachan nu, dhaloota har’aatiif barumsa guddaafi hojii keenyaafillee bu’uura cimaa ta’ee kan tajaajiluudha jedha.
Doktar Nagaasoo Gidaadaa fedha waaqaa ta’ee har’a lubbuun nu biraa yaa darban malee quuqqamni saba isaaniif qabaniifi hojiin isaan hojjetan yoomiyyuu galaa ta’ee kan nu tajaajilu, nu cimsuufi bara baraan yaadatamuudha jedhan.
Gaddi nutti dhaga’ame guddaafi cimaadha, gadda keenya kan cabsachuufi dandamachuu kan dandeenyu hojii isaan sabasaaniif hojjechaa turanirraa barannee yoo seenaa boonsaa akka isaanii bara jireenyaa keenya keessatti hojjechuuf of qopheessineedha jechuun ibsaniiru.
Kanaaf nu, dhaloonni ammaa beekumsa waraabamee hindhumne kan hayyuun kun bara jireenyaasaanii nuuf oolan dhaallee Oromiyaa misoomtee, Aadaafi duudhaan Oromoo itti dagaage ijaaruuf yaa sochoonu jechaa irra deebi’ee gadda cimaa du’a Doktar Nagaasoo Gidaadaatiin natti dhaga’ame ibsaa, maatiifi firoota akkasumas ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa jedhan.
Bara 1987 amma bara 1993tti pirezidaantii Mootummaa RFDI ta’uun biyyasaanii kan tajaajilan Doktar Nagaasoon, Filannoo biyyaalessaa bara 1997 adeemsifamerratti dhuunfaadhaan Oromiyaa, Qeellam Wallaggaa Dambi Doollootti dorgamanii mo’atachuun miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta’uunis hojjetaniiru.
Adoolessa bara 2000 Madirak wayita hundeeffamu miseensa hundeessaa ta’uudhaan paartichatti hirmaannaa cimaa taasisaa turaniiru.
Dhaabbileen, waajjiraaleen akkasumas naannoleen biyyattii hundiifi bulchinsonni magaalaa lamaan gadda guddaa du’a Doktar Nagaasootiin itti dhagahame ibsataniiru.
Charinant Hundeessaatiin
Bariisaa Ebla 25/2011
2 Comments to “Qaamoleen adda addaa gadda du’a Doktar Nagasootiin itti dhagahame ibsatan”