Hortee Kuush kan ta’an Oromoofi Somaaleen cunqursaa hamaa gita bittoonni dabaree walfuruun irraan gahaa turan ofirraa fonqolchuuf wajjummaa kufaa ka’aa turaniiru. Walqixxummaaf irree tokkoon qabsaa’aniiru. Bilisummaaf waloodhaan dhaabataniiru.
Qabsoo kana milkeessuuf Oromoofi Somaaleen aarsaa olaanaa kanfalaniiru. Gaaffii ijoon ummata Oromoofi Somaalee bilisummaafi walqixxummaadha. Bilisummaafi walqixxummaan ammoo bu’uura waantota hundaati.
Qabsaa’aa gootichi Somaalee Sa’id Mahaammad Abdullaahii Hasan aarsaa guddaa kanfalee yemmuu diinaan kufu akka diinni reenfasaa hinarganeef kabajaan kan boqochiise ummata Oromooti.
Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu bilisummaa Oromootiif, Itoophiyaatti tokkummaan akka dhugoomuuf aarsaa guddaa yoo kanfalu, Oromoofi Somaalee tokkummaan hogganuun yemmuu haalonni hammaatan gara Somaaleetti siquun obboleewwansaa, Somaalonni isa dhoksuun anniisaa ta’aniiruuf. Diina wajjinis waraanatti seeneera.
Bilisummaafi walqixxummaan akka milkaa’uuf furmaanni murteessaan obbolummaa cimsuudha. Obbolummaan safartuu ammayyummaati. Dhalli namaa bara jireenyasaatti aadaafi eenyummaasaa walii qoodaa obbolummaasaa cimsee rakkoolee isa mudatan furuun fuulduratti tarkaanfata. Akka biyyaattis biyya hammayyoomte uumuuf hundumtuu qoodasaa ni bahata.
Yeroo seenaqabeessa kanatti Oromoofi Somaaleetti ittigaafatamummaa guddaan tokko kennameera. Ittigaafatmummaa olaanaa kana milkeeffachuuf cimachuun obbolummaa saboota kanneenii daran barbaachisaafi murteessaadha.
Somaaleefi Oromoon obbolummaafi tokkummaasaanii cimsachuun tokkummaa biyyaa cimsuudha. Cimachuu Afrikaa Bahaatiifis bu’uura. Ummatoonni lamaan kunniin shira irratti xaxame ofirraa ciranii tokkummaa cimsachuusaaniitti ummatoonni biyyoota Afrikaa Bahaa xiyyeeffannaadhaan ilaalu.
Tokkummaafi jaalalli ummanni kunniin waliif qabu shira xaxamuu ol waan ta’eef akeekni diinaa yoomiyyuu hinmilkaa’u. eenyumtuu tokkummaafi obbolummaa ummatootaa gufachiisuu hindanda’u.
Pirezidaantii Ittaanaan BMNO Obbo Shamallis Abdiisaa akka jedhanitti, Oromummaan hammachuudha. Oromummaan tokkummaadhaan imaluudha. Oromummaan hunda kan ofii godhachuudha. Hunda akka ofiitti ilaaluudha.
Oromummaan ofiirra kan biraatiif kabaja kennuu waan ta’eef akkuma kanaan duraa hammannee fuulduratti ceessisuu qabna. Hariiroon Oromoo Oromummaan miidhage kun ummatoota Beenishaangul Gumuz, Amaaraa, Somaaleefi Hararii wajjin eegalame kun ummatoota biyyattii hunda wajjinis ittifufuu qaba.
Bariisaa Ebla 25/2011
6 Comments to “Oromummaan hammachuudha”