Finfinnee: Foramii, ‘Belt and Road’ jedhamu yeroo lammaffaaf Beejingi, Chaayinaatti Ebla 17-19/2011tti adeemsifamaa jirurratti gaggeessitootni biyyoota Awurooppaa kibba baha, Eeshiyaafi Afrikaa 40 ta’an hirmaataniiru.
Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmadiifi qondaaltotni Ministeerota Dhimma Alaa, Ittisa Biyyaafi Maallaqaa, Komishiniif Invastimantii, akkasumas hoggantootni mootummaa federaalaa biroon foramicharratti hirmaachaa jiraachuu Waajjirri Ministeera Muummee ibseera. Waliigalteewwan garagaraa taasifamuunis beekameera.
Doktar Abiyyiin Pirezidaantii Chaayinaa Shi Jinpiingi waliin walarguun mari’ataniiru. Pirezidaantichis waggaa tokko keessatti jijjiiramoota hoggansa Doktar Abiyyiin biyyattiitti galmaa’an kan ajaa’ibsifatan ta’uu ibsanii, Chaayinaan Itoophiyaaf iddoo guddaa qabdi jedhaniiru.
Kanarraa ka’uunis Chaayinaan liqaa maallaqaa dhala malee ALA hanga bara 2018tti Itoopiyaaf kennaa turte guutummaatti kan haqxe ta’uus ibsaniiru. Mootummaan Chaayinaa pirojektii miidhagina Shaggar eegalame akka milkaa’uuf ciminaan kan deggartu ta’uus dubbataniiru. Waliigalteen taasifames injifannoo dippilomaasummaa dachaan argame ta’uu kan mul’isuudha jedhan.
Doktar Abiyyii Ahmad waltajjii marii Pirezidaanti Shi Jinpiingi wajjin taasifamerratti akka ibsanitti, Itoophiyaan yoomillee hariiroo tarsiima’aa Chaayinaa waliin qabdu cimsachuu barbaaddi. Pirojektota kanneen akka daandii hadiida baaburaa haaressuufi kkf hojiitti hiikuuf Itoophiyaan kutannoo kan qabdu ta’uus eeraniiru.
Pirojektii ‘Belt and Road’ jedhamu gama baaburaatiin biyyoota Afrikaa hammataman keessaa Itoophiyaan tokko ta’uushee himanii, bu’aan barbaadamus galmaa’uu ibsaniru. Gaggeessitootni biyyoota lameenii dhimmoota biroorrattis mari’achuun waliigalteerra gahuunsaanii hubatameera.
Kana malees, jilli Doktar Abiyyiin durfamu Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kekiyaangi waliin dhimmoota hariiroo Itiyoo-Chaayinaa cimsuu dandeessisanirratti mari’ataniiru. Mistar Lii Kekiyaangis tattaaffii mootummaan nagaafi tasgabbii ummattoota Itoophiyaa eegsisuuf gochaa jiru Chaayinaan kan deggartu ta’uu ibsaniru.
Kanuma cimsuuf waliigalteewwan shan kanneen akka pirojektii miidhagina Shaggar keessaa kiiloo meetra 12f gargaarsa gochuuf, waliigaltee walta’insa teknikii, gargaarsa nyaataa, walta’insa pirojektii, ‘Belt and Road’ kan waggaa shaniifi walta’insa waltajjii Chaayinaafi Afrikaa (‘FOCAC’) mallatteessaniiru.
Foramiin, ‘Belt and Road’ kun ALA bara 2013rraa eegalee wagguma waggaan magaalaa guddoo Chaayinaa, Beejiingitti adeemsifama. Kaayyoonsaa inni guddaanis misooma hawaas-dinagdee wajjummaan cimsachuun guddachuu, akkasumas fuulduree lammiilee qajeelchuudha.
Takkaalliny Gabayyootiin
Bariisaa Ebla 18/2011
4 Comments to “Milkaa’ina dippilomaasummaa Beejingitti argame”