Abdiin keenya jaalalaafi tokkummaan yoo hojjenne dhugooma

Finfinnee: Jijjiirama Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiru ittifufsiisuufi abdii fuuldura keenya jiru dhugoomsuuf jaalalaafi tokkummaan waliin hojjechuun barbaachisaadha.  Misoomaafi guddina dinagdee si’eessuufis nageenya biyyattii mirkaneessuun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu abbootiin amantii ibsa Ayyaana Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos kan bara 2011 ilaachisuun kennaniin eeran.

Phaaphaasiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaa akka jedhanitti, nagaafi jaalalaan waliin jiraachuuf hundi keenya ilaalcha ofittummaa, ija shakkiin walilaaluu, waliigaltee dhabuu, walitti hammaachuu sammuu keenya keessaa haquu qabna. Jaalala, tokkummaafi dhiifamaa waliif gochuun barbaachisaadha. Nageenya, misoomaafi guddina dinagdee biyyattii mirkaneessuuf hunduu kaka’umsa cimaadhaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Biraanayasuus akka jedhanitti, dhiifama waliif goonee, nagaafi jaalalaan yoo waliin jiraanne jireenya gammachuu qabu geggeessina.  

Jireenyi kiristaanummaas gocha badiifi jibbiinsaa akka raawwannu utuu hintaane waan qajeelaafi daandii  sirrii irra akka deemnu nu taasisa. Kiristaanni nama hojii hammeenyaa dhiisee hojii gaarii hojjetuudha jedhu.

Rakkoon nageenyaa darbee darbee biyyattiitti mul’ataa jiru daran nama gaddisiisa kan jedhan kaardinaalichi, namoota qe’eesaaniirraa buqqisuunis ajaja Waaqayyo, “Nama akka keetii akka mataa keetiitti jaaladhu” jedhu kan faallessuudha. Walitti gufuu ta’uun yeroo keenya gubuufi abdii keenya dukkaneessuu hinqabnu.  Kan nurraa eegamu namoota ittiin  waldhabneef dhiifama  taasifnee jaalalaafi nagaan waliin jiraachuudha jedhu.

Pirezidaantiin Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makkaana Iyyesuusii Itoophiyaa Luba Yoonaas Yiggazuu Dhibbisaa akka jedhanitti, jijjiramaafi haaromsa biyyattiitti mul’achaa  jiruun walqabatee waldhabdeewwan gara garaa yoo jiraatelle, mariifi waldhaggeeffachuudhaan hiikuuf haalli mijaa’aan jira. Ergaafi dubbiiwwan jibbaan guutaman akkasumas kaka’umsi lolaafi diinummaa babal’isan dhaabbachuu qabu jedhu.

Namni hundi gara yaada qajeelaatti deebi’ee, hamaafi gaarii, kan miidhuufi kan ijaaru, dubbii jaalalaafi jibbaa addaan baasuu qaba kan jedhan Luba Yoonaas, qooda jibbaan walhiruu, guddina waliif walqabatanii ka’uu, guddina biyyattiitiif tarsiimoo mootummaan kaa’e hordofuun barbaachisaadha. Namoota daandii irra jiraataniifi kadhaadhaan bulan  deebisanii dhaabuufi of dandeessisuu irratti sochiin taasifamaa jiru milkeessuuf hundumtuu tumsa barbaachisu taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Amantoonni wayita ayyaanicha kabajanitti arjummaa Waaqayyoo yaadataa, namoota harka qal’eeyyii, ijoollee  haadhaafi abbaa hinqabne, dhukkubsatootaafi maanguddoota  nama isaan gargaaran hinqabne gargaaruudhaan akka kabajaniif dhaamsa dabaraniiru.  

Pirezdaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo akka jedhanitti, yeroo ammaa abdiifi yaaddoo guddaatu fuuldura keenya dhaabbatee jira.  Abdii kana milkeessuu kan dandeenyu hojiidhaan yoo ta’u, yaadoo fuuldura keenyaa jiru gara waan gaariitti jijjiiruu kan dandeenyu yoo waldhaggeeffanne, jaalanneefi dhiifama yoo waliif gooneedha.

Haaloo baafachuun yoomiyyuu badiisa malee nagaa hinbuusu kan jedhan Paastar Tsaadiquun, jaalalaafi kabajaan waliin jiraachuun karaa nagaa, misoomaafi guddinaati. Biyya nagaa qabdu keessa jiraachuuf Waaqayyo sodaachuu, waliif yaaduu, waljaalachuu, hojii jaalachuufi waan gaarii hojjechuutu nurraa eegama jedhu.

Ayyaana Du’aa Ka’uu Yesuus Kirstoos yeroo kabajnuttis ta’e yeroo biraa namoota harka qal’eeyyii, dhukkubsattoota, namoota humnaafi nama isaan gargaaru hinqabne gargaaruun ajaja sagaleen Waaqayyoo raawwachuu akka ta’e dagachuu hinqabnu jedhaniiru. 

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Ebla 18/2011

Recommended For You

5 Comments to “Abdiin keenya jaalalaafi tokkummaan yoo hojjenne dhugooma”

  1. Pingback: bandar slot online
  2. Pingback: my explanation
  3. Pingback: omg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *