Magaalaan Amboo qabsoo Oromoo keessatti magaalaa bakka guddaa qabdudha. Godinni magaalattiin keessatti argamtu Shawaan Lixaas qabsoofi gootummaadhaan beekamti. Yommuu ADWUIn aangoo qabatu magaalaa Amboo haala salphaadhaan of harka galfachuun ulfaataa ture. Ummanni magaalattii tokkummaadhaan galagalee ba’uun diinasaa dura waan dhaabatuuf mammaaksi, “Ambo gara galgalaa, lafatu gaggaragala” jedhu mammaakameeraf.
Har’a garuu Ambotti lafti hingaggaragalu. Araaratu taa’ama, hariirootu jabeeffama, Oromummaatu itti cima. Yeroo dhihoo as waltajjilee guguddoofi seena qabeessa jedhaman magaalattiitti taa’amaa turan. Dilbata darbes hariiroo Oromaaraa (Oromoofi Amaaraa) cimsuuf waltajjiin geggeeffameera. Warri Amboos ganamaan fardeeniin faayamanii miidhaganiin keessummootasaanii “Ana haa dhufu” jedhanii simachuun bakka isaan boqotan irraa hanga Yunvarsitii Ambootti miilaan daabaalanii gaggeessaniiru.
Waltajjicharratti argamuun haasawa kan taasisan Pirezdaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, Itoophiyaan bu’uura addaddummaashee qofa osoo hintaane bu’uurri tokkummaashee bal’aadha. Tokkummaanshees dhiiga, lafeefi qabsoodhaan kan ijaarame, saboota hunda kan hirmaachiseefi biyya tokkummaadhaan aarsaan itti kanfalameedha.
Biyya haala kanaan ijaaramte haalotaa sirnoota addaddaatiin tokkummaan ishee sharafamee, garaagarummaan akka bal’atuuf yaalii olaanaan taasifamuu eeranii, ta’us biyya tokkummaa dhiigaafi lafeetiin walitti hidhame waan taateef diigamuu hindandeenye jedhan.
Ummanni Oromoofi Amaaraas sirna cunqursaa turerraa ka’uun qeerroofi faannoon rakkoosanii hiikuuf qabsoo dhiigaa taasiisaniin akkasumas, diina waliinii kan ta’e aramaa ‘imbooc’ irratti “Xaanaan Keenya” jechuun tumsa taasifameen hariiroon ummattoota lamaanii cimuu eegaluu eeru.
Tokkummaan aramaa ‘imbooc’ dhabamsiisuun eegalame aramicha balleessee qofa kan hafe osoo hintaane, hariiroo Oromaaraa caalaatti cimsuuf sanyii haaraa facaasee, ija godhatee Itoophiyaa har’aa akka ijaare ibsu.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, akka baay’oonni hawwanitti tokkummaan ummattoota lamaanii halkan tokkoon kan diigamu miti. Aarsaa olaanaadhaan kan ijaarame waan ta’eef jette jetteedhaan duubatti hindeebi’u. Firiin tokkummaa facaafamees caalaatti lalisee kan itti fufu malee salphaatti kan quucaree badu miti. Ummattoota lamaan gidduu rakkoo hinjiru, rakkoon kan jiru namoota baranne ofiin jedhan muraasa bira.
Hariiroon ummattoota lamaanii akka kanaan walitti hidhamees har’a biyya goototaa Ambootti caalaatti jabeeffamee kan ittifufu ta’uu eeranii, kana booda Oromoon aadaafi duudhaa hammachuu qabuun saboota kaan caalaatti ofitti qabee akka jiraatu dhaamu. Nama buqqaasuun hojii mo’attamummaa ta’uusaatiin Oromoon kanaaf bakka akka hinkennine kaasanii, namoonni Oromiyaarraa buqqa’anis dhihootti bakkatti akka deebifaman waadaa seenu.
Pirezdaantiin Naannoo Amaaraa Doktar Ambaachoo Mokonnon gamasaaniin, tokkommaan Oromaaraa Itoophiyaaf daran murteessaa ta’uusaatiin yoomiyyuu caalaa hariiroo cimsachuu barbaachisa jedhu. ODPfi ADP’nis hariiroosaanii caalaatti jabeeffachuun Itoophiyaa cimtuu ijaaruuf akka hojjetan ibsu.
Qaamni mootummaafi ummattoota lamaan walitti buusuuf socho’uu jiraachuu eeranii, kanaaf gara qilleensa’eetti deemuu osoo hintaane, bilchinaafi tasgabbiidhaan hojjechuu akka barbaachisu kaasu. Kana booda ummannis oduu sobaa miidiyaa hawaasaarratti oofamuun akka hinburjaajofne dhaamanii, hoggantoonni Oromaaraas hariiroosaanii caalaatti cimsuun akka hojjetan ibsu.
Jiraataa magaalaa Amboo kan ta’an Obbo Tasfaayee Dhaabaa Bariisaaf akka himanitti, hariiroon ummata lamaanii waltajjii qopheessuu qofaan osoo hintaane itti fufiinsaan kan jabeeffamuudha. Ummanni lamaan warra aangoo dheereffachuu barbaadutu addasaan qoqqoode malee tokkummaasaan qaban akka caalu kaasanii, kan balleessaa jiru warra hayyoota ofiin jedhaniifi faayidaa dhuunfaaf fiigan ta’uu himu.
Fuuldurattis xiinsammuu ummattootaarratti hojjechuufi miira “anatu caalaa” dhabamsiisuuf ciminaan hojjetamuu akka qabu dhaamu.
Gondarirraa kan dhufan Obbo Hayiluu Bazzaabbinyi gamasaaniin, tokkummaan ummataa tokkummaa Itoophiyaa waan ta’eef ummanni hundi kanarratti qabsaa’uu akka barbaachiisu ibsu.
Ummanni Amaaraa yommuu qabsoo dhiigni qeerroo dhangala’aa turetti, “Dhiigni Oromoo dhiiga keenya” jechuun isaan cinaa hiriiruu yaadatanii, ammas ta’uu kan qabu akkanaan waliin ooguufi walii yaaduu malee adda faca’uu miti jedhu. Qeerroofi faannoonis addaddummaarratti xiyyeeffachuu caalaa tokkummaasaanii ilaaluun biyyattii guddisuuf akka hojjetan dhaamu.
Dimshaashumatti, hariiroon ummatoota lamaanii caalaatti akka cimuuf waltajjii qopheessuurra darbee yeroo yerootti wantoota tokkummaa cimsan agarsiisaa hojjechuu gaafata.
Saamraawiit Girmaatiin
Bariisaa Ebla 18/2011
6 Comments to “Amboo gara galgalaa: Hariirootu itti jabeeffama”