ABOn Qaama Cee’umsaafi ABOn Tokkoome walitti makaman

Finfinnee: ABO Qaama Cee’umsaa Obbo Galaasaa Dilboofi ABO Tokkoome Obbo Abbaanagaa Jaarraatiin hogganamu Ebla 9 bara 2011 irraa eegalee walitti makamuusaanii iftoomsan.

Sirna walitti makamuu Hoteela Giyoonitti adeemsifamerratti  hayyu dureewwan jaarmiyaalee lamaanii ibsa waloo kennaniin walitti makamuun paartilee lamaanii tokkummaa Oromoo cimsuurra darbee waliin ta’anii dina qolachuuf fayyada.

Hayyu Dureen ABO Tokkomee Jaal Abbaanagaa Jaarraa akka jedhanitti, jiini Eblaa qabsoo Oromoo keessatti ji’a seena qabeessa ta’uusaatiin walitti makamuusaanii adda taasisa.  ABOn hundeeffamasaarraa kaasee jaarmi’aa akeekaafi galma tokko qabu ta’ullee sababoota garagaraatiin adda baba’uun beekamaadha.

Ammammoo jijjiirama biyyattiitti dhufe tumsuuf hogganaafi caasaasaanii walitti fidanii hojjechuun ABO jabaateefi human qabu ijaaruuf akka barbaadan dubbataniiru.

Hayyu dureen ABO Qaama Cee’umsaa Jaal Galaasaa Dilboo gamasaaniin, tokkomuun isaanii gaaffii ummataa yeroo dheeraa ta’uusaafi yeroon isaas tokkummaa kan gaafatu waan ta’eef barbaachisaa ta’uu ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011 

Recommended For You

2 Comments to “ABOn Qaama Cee’umsaafi ABOn Tokkoome walitti makaman”

  1. Pingback: Post Cycle Therapy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *