Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezdaantii ittaanaa Oromiyaa ta’uun muudaman

Obbo Addisuu Araggaammoo Ittigaafatamaa Waajjira Giddugaleessaa ODP ta’an

Finfinnee: Yaa’iin ariifachisaa Caffee Oromiyaa 4ffaa, Waggaa 4ffaa bara hojii 5ffaa kaleessa taa’een Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezdaantii ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisuun muudeera.

Obbo Shimallis Miseensa Caffee waan hintaaneef ittaanaa pirezdaantii ta’anii kan muudaman yoo ta’u, hojii pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa hojjetu  kan hojjetan ta’a.

Obbo Shimallis barsiisaa Yunvarsiitii Finfinnee, Hogganaa Ittaanaa Biiroo Manneeniifi Misooma Magaalaa Oromiyaa, Daarektara Dhimmoota Kominikeeshinii Waajjira Pirezdaantii Oromiyaa, Waajjira ODP Giddugaleessaatti Qajeelchaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo ta’uudhaan muuxannoo horataniiru. Wayita ammaas Sadarkaa Ministiraatti Ittigaafatamaa Wajjira Ministira Muummee ta’aanii tajaajilaa turan.

Obbo Shimallis muudamasaanii boodas hojii gama hundaan hojjetamu keessumaa gama dingadeen hojjetamu cimsanii  gara kuteenyaan hojjechuuf waadaa seenaniiru. Qabsoo sabboonummaa tokkummaarratti Pirezidaantiin Duraanii Obbo Lammaa Magarsaa eegalsisan itti fufsiisuudhaaf qeerroofi qarreen isaan cinaa akka dhaabbatan gaafataniiru. Duudhaa sirna Gadaa hojiirra oolchuunis walqixxummaa sabaafi sablammootaf akka hojjetanis waadaa seenaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Lammaa Magarsaan, “qabsoon ummataa hanga dhugoomutti, dheebuun sabaa hanga galma gahutti bakka fedhe deemanus ummata Oromootu bakka nu buufate waan ta’eef, gamtaan, tokkummaan dirqama seenaan nutti kenne cimnee ni bahanna. Anis cimee kanaan hojjedhu ta’a” jechuun dhaamsa isaanii yaa’icharratti dabarsaniiru.

Oduu walfakkaatuun Obbo Addisuu Araggaa Itti gaafatamaa Waajjira Giddugaleessaa ODP ta’uun muudaman. Obbo Addisuun, Doktar Alamuu Simee bakka bu’uun itti gaafatamummaan muudamuusaanii odeeffannoon waajjirichaa ba’e ni ibsa. kan muudaman.

Obbo Addisuu Araggaan itti gaafatamaa ijaarsa siyaasa baadiyyaa ODP ta’uudhan tajaajilaa turaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

One Comment to “Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezdaantii ittaanaa Oromiyaa ta’uun muudaman”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *