Miidiyaalee hawaasaatti sirnaan haa fayyadamu

ESadarkaa addunyaatti akka daataan dhiyeenya bahe ragaa bahutti ummata biliyoona torba keessaa namoonni biliyoona 4.3 ta’an intarneetii, miidiyaalee hawaasaa ammoo biliyoonni 3.4 ni fayyadamu. Bilbila mobaayiliis namoota biliyoona 5.1tu fayyadamaa jira.

Babal’achuun teknolojii hawaasa addunyaa duraan walirraa fagoo ture walitti dhiyeessuun, waljijjiirraa odeeffannoo si’eessuufi qaqqabamaa gochuun gumaacha guddaa buusuurratti argama.

Akkuma biyya keenyaattuu yoo fudhanne ergaa gammachuus ta’ee gaddaa ganda tokkoobakka biraatiin gahuuf yoo xiqqaate guyyootaaf lafoo ykn maloota geejibaa birootiin deemamee akka qaqqabu taasifamaa ture.

Bilbilli mobaayilii haa hafuutii isuma sararraayyuu kan manaa qabutu yoo tole nama fayyachiisa ture, hanga yeroo dhiyootti. Teknolojiif galanni haa ta’uutii sun har’a seenaa ta’ee darbeera. Bilbila sararaarraa ka’amee har’a miidiyaalee hawaasaa kanneen akka, ‘face book, whatsApp, twitter, telegram,imo’fi kkfn barruusaarratti argamuun hawaasni addunyaa maayikiroo sakandii tokkotti walargaa jira. Odeeffannoo wayitaawaas waliif dabarsuurratti argama.

Wanti faayidaansaa tarreeffameef kun gama biraatiin balaa qabatee dhufes qaba. Keessumaa miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka telegiraamiifi feesbuukiifaa faayidaa hinmalleefirra ooluun eddii yaaddoo hawaasa addunyaa ta’anii oolanii bulaniiru.

Ummanni addunyaa oduu sobaafi jibbiinsaa miidiyaaleen kunniin of eeggannaa tokko malee tamsaasaa jiraniin garmalee hunkuramaa, qe’eefi qabeenyasaarraa buqqa’aa, lubbuusaa dhabaa, qaamaa hir’achaa jira.

Oduu sobaa kanaan Ameerikaanillee filannoo ALA bara 2016tti qormaata guddaa keesse seentee turte. Otoo filannichi hineegalamiin ummanni karaa miidiyaalee hawaasaa oduuwwan dharaa argachaa ture.

Waajjirri Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa akka jedhettis, miidiyaa hawaasaa seeraan fayyadamuu dhabuun keessumaa biyyoota guddataa jiranitti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jira. Odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaarraa argaman adda baasanii itti fayyadamuurrattis rakkoon ni jira. Rakkoo kana furuuf wixineen labsii qophaa’aa jira. Wixinichi namoonni oduu sobaafi jibbiinsaa facaasan seeraan akka gaafataman kan taasisuudha.

Egaa oduu sobaafi jibbiinsaa gareelee garagaraan irra deddeebiidhaan yoo himame dhugaa fakkaatee hawaasa miidhaa waan jiruuf ummanni odeeffannoo argate maddawwan amanamoorraa mirkaneeffachuu qaba. Keessumaa dargaggoonni sirna ittifayyadama miidiyaalee kanneen sirreeffachuu qabu.

Bariisaa Ebla 11/2011

Recommended For You

4 Comments to “Miidiyaalee hawaasaatti sirnaan haa fayyadamu”

  1. Pingback: auto body repair
  2. Pingback: research
  3. Pingback: John Lobb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *