TOI: Duulli qulqullinaa ilaalcha gaarii barsiisuuf garagaaru naannolee biyyattii hundatti akka adeemsifamu ministirri muummeen ibsan.
Doktar Abiyyi kana kan dubbatan kaleessa Kibxata galgala atileetota dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa 43fa irratti hirmaatanii mo’ataniif masaraa mootummaatti sagantaa galateeffannaa qophaa’erratti.
Rakkoolee nageenyaa si’ana mul’ataa jiran gaarii yaaduudhaan jijjiiruuf waan barbaachisuuf Dilbata dhufu naannolee biyyattii hundatti duulli qulqullinaa ni taasifama jedhaniiru.
Kunis miira badaa miira gaariin bakka buusuufi duula yaada gaarii yaachisuu dandeessisu akka ta’e eeraniiru.
Dilbata barii sa’aatii 12:30 hanga sa’aatii 2tti konkolaattonni hundi akka dhaabbatan gochuun keessumaa Finfinneetti jiraat
tonni gamtaan akka ba’an waamicha taasisaniiru.
Barattoonni yunivarsiitii immoo yunivarsiitiiwwaniifi magaalotasaanii akka qulqulleessan hojjettoonni mootummaas kanarratti akka hirmaatan gaafataniiru.
Duulli qulqullinaa kun akkuma balfa naannawaarraa qulqulleessan hunda, sammuu keessaas yaada yaraafi hamaa ququlleessuuun yaada gaariidhaan bakka buusuu akka qabatamu barsiisuu kan kaayyeffateedha.
Keessumaa garaa garteewwan afaanirratti bu’uureffatan faaya gamtaa keessa jiranii malee qabxiiwwan garaagartee ta’uu akka hinqabaanne ibsaniiru.
Rakkoolee ammaan tana biyyattii mudataa jiran walgargaarii ce’uuf walgargaaruun barbaachisaa ta’uu eeranii, kanaafis lammiileen ga’eesaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bariisaa Ebla 4/ 2011
3 Comments to “Duulli qulqullinaa iftaan adeemsifama”