– Waliigalaan barattootni Oromoo 4000 ta’an yunivarsiitichatti argamu
Jigjigaa: Rakkoo nageenyaa ummattoota obbolaa, Somaaleefi Oromoo gidduutt uumamee tureen inni tokko isa biraa of keessaa ari’uu bira darbee, sadarkaa barattootni naannoo tokkoo hanga yunivarsiitii naannoo tokkotti barachuu hin dandeenyeerra gahee ture.
Sababa kanaanis barattoonni naannoo Somaalee yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessaa bahanii gara naannoosaaniifi iddoowwan birootti yemmuu galan, kanneen Oromoo ta’aniis Yunivarsitii Jigjigaa gadi dhiisanii bahuunsaanii niyaadatama.
Yeroo ammaa jijjiirama gama siyaasaatiin dhufaa jiruufi shirri siyaasaa saboota lameen gidduutti xaxamee ture fashalaa’uusaatiin walshakkiin jiru badee barattootni Oromoo Yunivarsiitii Jigjigaa dhiisanii bahanii turan 2500 caalan deebi’anii barachaa jiraachuu Daarektarri Kominikeeshiinii Yunivarsiitii Jigjigaa, Obbo Jamaal Alii nidubbatu.
Ammaan tana sodaan gama lachuun ture hafee gara obbolummaa duriitti deebi’amaa jiraachuus himanii, barattoota barana deebi’an dabalatee yunivarsiitichatti barattoonni Oromoo kuma 4 ol ta’an barumsasaanii haalaan hordofaa jiraachuu ibsu.
Balaa Waxabajjii 28 magaalaa Jigjigaatti uumameen dhalat
tootni iddoo biraarraa dhufanii achi jiraachaa turan hedduun sodaa keessa galuusaaniifi yuunivarsiitichi garuu namoota haala ture sodaatanii baqachuuf ka’an hedduu qubachiisuusaa eeru.
Balaa magaalichatti uumame caalaa ololli gama miidiyaalee hawaasaatiin ture maatii barattootaa biratti miira sodaa kan uume ta’uu kan eeran Obbo Jamaal, ummata sana tasgabbeessuufi hamilee itti horuu keessatti shoorri yunivarsiitichi bahachaa ture olaanaa ta’uu ibsu.
Yeroo darbes barattoota lama sabaan Oromoofi Somaalee ta’an gidduutti walitti bu’iinsa sababa dhuunfaasaaniitiin uumame gara sabaatti fiduudhaan jeequmsa uumuuf yaalame akka hinmilkoofne kan taasises barattootuma saba lameenii ta’uu dubbatu.
Yunivarsitichi mana barnootaa ummataa moodeelii ta’e hundeessuusaafi ammaan tana barattootni ciccimoon akka naannichaatti sadarkaa qaban filatamanii achitti barachaa jiraachuus ibsaniiru.
Bariisaa Ebla 4/ 2011
Bayyanaa Ibraahimiin
4 Comments to “Barattootni Oromoo 2500 gara Yunvarsitii Jigjigaatti deebi’aniiru”