Finfinnee: Ijaarsi seeraan alaa rakkoo ijoo magaalotaa waan ta’eef tarkaanfiin ittifufiinsa qabu kan fudhatamu ta’uu Ministeerri Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii beeksise.
Ministirri ministeerichaa Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, ijaarsi seeraan alaafi saamichi lafaa rakkoo ijoo magaalotaa ta’ee waan jiruuf naannoleenis rakkoo kana dursanii ittisuufi furuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu. Ijaarsi seeraan alaa ummatas mufachiisaa dinagdee biyyas deegsaa waan jiruuf dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamaafi hojjetamuu qabu.
Ministeerichi ijaarsa pirojektota manneenii jalqabamanii jiranii xumursiisuu, misooma dinagdee magariisaa babal’isuu, balfawwan walitti
qabuufi dhabamsiisu, ijaarsa manneen seeraan alaa to’achuu, ittisuufi tarkaanfii fudhachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Rakkoon nageenyaa, dafanii gara hojiitti galuu dhabuun, beenyaa lafaa dafanii kaffaluu dhabuun rakkoolee guguddoo ijaarsa pirojektootaa duubatti harkisan keessaa isaan ijoo ta’uu himaniiru.
Bara bajataa kana gama carraa hojii uumuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi lafa investimantiin qabamee utuu hinmisoomin hafe baankii lafaatti galchuun hojii gaariin raawwatameera kan jedhan ministirichi, gara fuulduraattis rakkoolee numudatan furuun bu’aalee fooyya’oo galmeessisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Namootni dhiyeenya kana carraan mana waliin jireenyaa Koyyee Faaccee ba’eef gaaffiin daangaa koree daangaa bulchiinsaatiin ilaalamaa jiru akkuma deebii argateen manicha kan argatan ta’uu himaniiru.
Bariisaa Ebla 4/ 2011
Natsaannat Taadddasaatiin
3 Comments to “Tarkaanfiin ijaarsa seeraan alaarratti fudhatamu kan ittifufu ta’uun ibsame”