Walitti bu’insa Oromoofi Beenishaangul Gumuz gidduutti mudateen buqqaatota bakkatti deebisuufi harcaatota shira kana xaxan seeratti dhiyeessuun olaantummaan seeraa akka kabajamuuf hojjetamaa jiraachuu pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Obbo Ashaadlii Hasan ibsan.
Pirezidaantichi kora marii waloo naannolee Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz Kibxata darbe Magaalaa Asoosaatti adeemsifamerratti haasaa taasisaniin, tattaaffii cimaa taasifameen hariiroon waloo boora’e ture bakkatti deebi’uu ibsaniiru.
Nagaan deebi’eera jedhamee dhimmichi salphaatti kan bira darbamu miti jedhanii, ololaawwan hafarsuun jeequmsicha babal’isaa kan turan akka adabamaniif hordoffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.
Dhimmoota walitti bu’insichaaf sababa tahan seecca’uun nageenyi waaraan gama maraan akka argamuuf hojiitti seenamuusaa Obbo Ashaadliin himanii, hubamuun Oromoo nus dhukkubseera jedhan. Obbolummaafi jaalala waloo duraanii caalaa ijaaruuf kutannoon siyaasaa jiraachuus beeksiisaniiru.
Sochii fayyadamummaa Oromoon Benishaangul Gumuz keessatti fedhu deebisuufis gaaffiileen hedduu deebii argachaa akka jiran dubbataniiru. Oromoon naannicha keessa jiraatu hedduu ta’uusaatiin ilmaasaa afaan dhalootasaaniitin akka barataniif manneen barnoota saddeetitti Afaan Oromootiin barnoonni eegalamuu ibsaniiru.
Hawaasni naannolee lameenii sochii mootummaan gama kanaan taasisaa jiru cina dhaabachuun shira harcaatota maseensuu akka qabanis pirezidaantichi hubachiisaniiru.
Maricharratti haasaa kan taasisan sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan kilaastara qonnaa Oromiyaa, Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, hariiroo waloo naannoolee lameenii cimsuuf bu’uuraawwan misoomaa gargaraa babal’achaa jiru.
Daandiileen, jallisiin, manneen barnootaa saboota lamaan walitti hidhan caalaatti akka babal’ataniif pirojektiin bocamee bu’aa abdachiisaan galmaa’uus dubbataniiru
Hordoffiifi deeggarsa waloo taasifamaa tureen mindeessi barsiisota Afaan Oromoo manneen barnootaa 10 keessatti gaggeeffamuusaas himaniiru.
Tattaaffii Mootummaan Naannoo Beenishaangul fayyadumummaa Oromoo mirkaneessuuf taasisaa jiru maddiitti lammiilee hojidhabeeyyii naannicha keessa jiran cimsuuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 11 ramaduusaa beeksisaniiru.
Yeroo ammaa araarri bu’urra darbee fayyadamummaan ummatoota naannolee lameenii caalaatti akka cimuuf pirojektonni misoomaa qophaa’an akka dhugoomaniif hawaasaan deeggaramuu akka qaban Doktar Girmaan gaafataniiru
Bariisaa Ebla 4/ 2011
Waasiihun Takleetiin
3 Comments to “Kan buqqa’e iddootti deebisaa, kan shira xaxeseeratti dhiyeessaa jirra””