“Biyyattii kan miidhehiyyummaa sammuuti”Ambaasaaddar Muluu Salamoon

Finfinnee: “Rakkoon ammaan tana biyya keenya iddoowwan tokko tokkotti mul’atu waanuma imala jijji­iramaa keessatti mul’atuudha. Garuu isa booda abdii guddatu jira”.

“Otoo abdiin jiraachuu baatee rakkoon gonkumaa hinuumamu ture. Abdii duubaan jirutu hudhaalee dar­banii darbanii mul’atan akka uumamu taasise. Ani rakkoon barbaade yoo dhufe agarsiistuu egereeti jedheen hu­badha. Otoo abdiin jiraachuu baatee wacni hinuumamu ture” jedhu Am­baasaaddar Muluu Salamoon.

Dhiyeenya kana Jarmanitti dip­piloomaatummaan kan muudaman Ambaasaaddar Muluun, gaafdee­bii Dilbata darbe dhimmoota adda addaarratti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin, “Diyaaspooraa Itoophiyaa biyya alaa jiru wajjin ciminaafi ofitti amanamummaan nan hojjedha” jed­han.

 “Kanaaf ammoo ani kanaan duras ummata wajjin hojjetaa waanan tureef ilaafi ilaameedhaan keessumaa di­yaaspooraa wajjin hojjechuuf qophi­idha” jechuun eeraniiru.

Miseensa garee dippiloomaasii ta’anii hojjetaa waan turaniif am­baasaaddarummaan isaaniif haaraa akka hintaanes eeranii, kanaan dura hojiidhuma walfakkeenya qabuun Itoophiyaa beeksisaa turuusaanii himu.

Doktar Abiyyi Ahmad durumaa qabanii sammuu qulqulluudhaan of kennanii ummata kabajanii hojjetaa kan jiranifi fakkeenyummaa guddaa kan qaban ta’uus beeksisaniiru. Il­aalcha qajeelaafi sammuu qulqulluu qabaachuun guddina biyyaa keessatti shoora guddaa kan qabu ta’uullee himaniiru.

“Biyyattii kan miidhe hanqina qabeenyaarra hiyyummaa sam­muuti” kan jedhan Ambaasaaddar Muluun, dhaloota waa madaalee ilaaluufi sammuu qulqulluudhaan gadifageessee; bal’isee yaadu bal’inaan horachuuf daa’imman oolmaa daa’immaniitti argamanir­raa kaasee hojjetamuu akka qabu eeru.

Ummanni mootummaasaa dhaga’aa, mootummaan kallattii agarsiisaa qoodasaanii bahachuu akka qabanis gorsanii, ittifayy­adama miidiyaalee hawaasaas ta’e idileerratti of eeggannaa cimaan akka barbaachisu dubbaniiru.

Waantota hunda mootummaa­tu raawwatachuu qaba jechuun harka maratanii isa qofa eeguufi ilaaluunis sirrii akka hintaane ib­saniiru. Mootummaan tarsiimoo diriirsee ummata wajjin irratti ho­jjechuu qaba jedhaniiru.

Ittifayyadamaafi kabaja ye­roorratti ejjennoo cimaa qa­baachuun kan beekaman Am­baasaaddar Muluun hanga har’aatti dhaabbilee adda addaa biyya keessaafi alaa 22 caalanitti pirezidaantummaa, miseensum­maafi ambaasaaddarummaan ardii, biyyaafi lammiisaanii ta­jaajilaa kan jiran Ambaasaaddar Muluun, digrii sadaffaa (PhD) isaanii hojjetaa jiru.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

One Comment to ““Biyyattii kan miidhehiyyummaa sammuuti”Ambaasaaddar Muluu Salamoon”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *