Oromiyaa qe’ee nagaafi ulfina qabdu gochuuf tumsa hundaa gaafata

Naqamtee: Wallaggi burqaa hayyootaafi qabsaa’otaa kan­neen akka Hayilee Fidaa, Ab­diisaa Aagaa, Baaroo Tumsaa, Alamaayyoo Atoomsaa, Lam­maa Magarsaafi kanneen birooti.

Ta’us, sirnoota darbanirraa kaasee hanga yeroo dhiyootti sababa dhiibbaa siyaasaatiin misooma hawaasummaafi di­nagdee biyyattiirraa fayyada­mummaansaa mirkanaa’aa hin­turre.

Fedhiifi gaaffii baroota dheeraa godinaalee Wallaggaa afran deebisuuf mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffatee hojjechaa tureera; har’as ittuma jira.

Gaaffii ummataa keessaa tokko kan ta’e ijaarsi pirojektii Istaatiyoomii Wallaggaas wag­goota kudhan dura tattaaffii na­moota dhuunfaatiin yaa jalqabu malee deggarsa mootummaatiin

 ijaaramee kaleessa eebbiffa­meera.

Ministirri Muummeen Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad, Pirezidaantiin BMNO Obbo Lammaa Magar­saafi keessummootni hedduun sirna eebba istaadiyoomichaar­ratti argamaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee, Obbo Boggaalee Shuumaa sirnich­arratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, pirojektiin ijaarsa istaadiyoomii Wallaggaa wag­goota kudhan dura kaka’umsa

 namoota dhuunfaatiin ee­galame.

Adeemsa keessa garuu deggarsi abbootii qabeenyaafi mootummaa naannichaa dabalamuud­haan istaadiyoomichi

 qulqullinaan ijaaramee akka xumuramu taasiseera.

Bajatni waliigaa ijaarsa istaadiyoomichaatiif qabame qarshii miliyoona 266 ta’uus ibsanii, qarshii miliyoona 196n ijaaramee xumurameera. Kan hafe maallaqa ummataa waan ta’eef istaadiyoomichaaf kan oolu ta’uus eeraniiru.

Bu’aan ijaarsa pirojektii istaadiyoomichaa miira “Ni dandeenya” jedhu sammuu um­mata Oromoo keessatti kan uu­meedha jedhanii, fuuldurattis tokkummaadhaan hojjennaan Oromiyaarra darbinee Itoophi­yaanota maraaf humna ta’uun akka danda’amu ibsaniiru.

Pirezidaantiin BMNO Obbo Lammaa Magarsaas haasawa kan taasisan, istaadiyoomiin hunda galeessaafi ammaayyaawaan kun Magaalaa Naqamtee kees­satti ijaaramuunsaa seenaa gud­daadha jedhan.

Istaadiyoomichi iddoo ool­maa dargaggootaa ta’uurra dar­bee atileetotniifi taphattootni hedduu Magaalaa Naqamteefi naannawashee jireenyasaa­nii akka fooyyefataniif gahee olaanaa qaba jedhan. Hawaasni naannawaas carraa kanatti fayy­adamee istaadiyoomicha kunu­unsuun dinagdeesaa cimsachuu akka qabu hubachiisaniru.

Tokkummaan ummata Oro­moo kaleessa argame cimaa waan dhufeef bu’aalee hedduu argamsiisuu himanii, boris Oro­moon waliin dhaabannaan gaara hinjigsine hinqabu jedhaniiru. Hireen Oromiyaa harka Oro­mootaarra jirti jedhanii, hunda­rra qe’ee nagaafi tasgabbii, ak­kasumas ulfina qabdu gochuun tumsa hundaa akka barbaadu dubbataniiru.Lammata garuu naannoo Oromiyaan keessatti dhiigni lammiilee akka hind­hangalaaneef kutannoon hundaa murteessaa ta’uus hubachiisani­iru.

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abi­yyi Ahmadis gamasaaniin akka jedhanitti, qabsoo hadhaawaa ummatni Oromoon baroota dheeraaf taasiseen bilisum­maafi injifannoon har’aa arga­muu danda’eera; hoggantootni Oromoos Oromiyaarra darba­nii biyyattii akka gaggeessan taasiseera. Hoggantootni har’a Itoophiyaa gaggeessaa jiran am­moo yeroo kamuu caalaa tok­kummaa biyyattii cimsuuf ku­tannoodhaan hojjechaa jiru.

Ciminaafi kutannoo kunim­moo abbootii keenya darban kanneen akka Abdiisaa Aagaa, Hayilee Fidaafi Baaroo Tum­saafaarraa dhaaluu keenya kan agarsiisu malee kan har’a uum­manne mitii jedhan.

Tokkummaan ummata Oro­moo tokkummaa Itoopiyaaf bu’uura kan jedhan Doktar Abi­yyi, waliif abboomamnee ykn waldhageenyee hojjennaan fe­dhiifi gaaffiilee hawaasa bal’aa deebisuun kan danda’amu ta’uus hubachiisaniiru.

Keessumaa ammoo Wallag­ga misoomsuun godinaalee kaa­niifi naannolee Beenishaangul Gumuziifi Amaaraaf murteessaa waan ta’eef ciminaan hojjechuuf kutannoon mootummaa gud­daadha jedhan.

“Tokkummaan milkiidha, humnaa; miidhaginadhas. Ak­kuma kaleessa rasaasa malee qabsoofnee jijjiirama siyaasaa argamsiisne, fulduratti ammoo misoomaafi guddina dinagdeed­haan dabaluuf martuu qoodasaa bahachuu qaba” jedhan.

 Bariisaa Ebla 4 /2011

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

One Comment to “Oromiyaa qe’ee nagaafi ulfina qabdu gochuuf tumsa hundaa gaafata”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *