Ijaarsa hidhichaarratti hirmaannaa ummataa cimsuuf tattaaffiin tasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Hirmaannaafi deeggarsa ummataa ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaarratti qabbanaa’e deebi’ee akka finiinuuf korri qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Hirmaannaa Ummataa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa Damee Oromiyaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa, Obbo Amaan Alii ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, gabaasa sobaa kanaan dura kennamaa turerraa ka’uun kaka’umsi hirmaannaa hawaasaa laafeera.

Hirmaannaa hawaasni hidha haaromsaatiif taasisaa ture raawwiin sobaa gabaafamaa turuun hawaasa komachiiseera jedhanii, haqa jiru ummata qabsiisuun sochii laafe kana finiinsuuf kora dadammaqiinsaa gaggeeffamuuf qophiin tasifamaa jiraachuu himaniiru.

Akka ibsa Obbo Amaanitti korri qophaa’e kun kabaja dhagaan bu’uuraa hidha guddichaa itti taa’e waggaa 8fa sababa godhachuun yoo ta’u, hamileen ummataa laafe akka dadammaquuf marii bal’aan ni geggeeffamama.

Ummanni gaafa Oromoo dhagaan bu’uuraa hidhichaa kaa’amerraa kaasee sagantaalee sassaabbii galiitiif qophaa’anirratti hirmaachuun qarshii biliyoona 1.8  arjoomuusaas beeksisaniiru.

Korri dadammaqinsa Ebla 20 bara 2011 Magaalaa Walisootti akka gaggeeffamu eeranii, ummatni  naannichaa deeggarsaafi hirmaannaa waadaa kaleessa, “Akkuma jalqabnetti xumurra” jechuun  gale akka haaromsu Obbo Amaan gaafataniiru.

Rakkoo METEK waliin walqabatee ka’aa tureen ijaarsichi hanga akeekame deemuu baatus tarkaanfii sirreeffamaa fudhatameen si’aayinaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ummanni Oromoo deeggarsa kanaan dura taasisaa tureen qabeenyasaa kan hin mararfanne ta’uu Obbo Amaan yoo himan, sosochii mootummaa haaromsaan eegalame kana fuulduratti tarkaanfachiisuuf har’as akka kaleessaa tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Waggaa 8fan ijaarsi hidhichaa itti eegalame Kibxata darbe bakka Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Dammaqaa Makonniniifi keessummoonni biroon argamanitti mataduree, “Hidhi guddichi haaromsaa keenya, faaruu tokkummaa keenya, asxaa injifannoo jijjiiramaa keenya” jedhuun Gubaa, bakka ijaarsichi geggeeffamaa jirutti kabajameera. Ijaarsi hidhichaa ammaan tana dhibbantaa 66.2 irratti argama.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *