Warshaan Simintoo Daangotee hawaasa naannawaa fayyadaa jira

Mogor: Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ada’aa Bargaatti kan argamu Warshaan Daangotee jiraattota naannawasaatti argaman karaa adda addaatiin fayyadaa jiraachuu ibse.

Adeemsisaan hojii warshichaa, Mistar Daaniloo .Tirugiilloo ibsa Roobii darbe waajjirasaaniitti Gaazexeessitootaaf kennaniin, warshaansaanii qonnaan bulaa naannawichaafi maatiisaanii mana  barumsaa, kiliinikii, bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatan gochuu madiitti  tajaajila geejibaa kennaafi jiraachuu eeraniiru.

Warshaan Daangote ALA bara 2015 kaappitaala qarshii miiliyoona 600n kan hundeeffame yoo ta’u, ammaan tana hojjetaa dhaabataa kuma 1fi 800, kan yeroo kuma sadii ol akka qabus eeraniiru.

Dargaggoota aanichaafi naannawasaatti argaman waldaa dhaan gurmeessee hojiiwwan daldalaa kaafteeriyaa, dhiheessitii meeshaa dheedhiirratti bobbaasuun fayyadamtoota taasisaa jiraachuus ibsaniiru.

Dargaggoonni dubbisne tokko tokkos carraa hojii Warshaan Daangootee uumeefiin ofiifii maatiisaanii gargaaraa kan jiran ta’uu eeksisaniiru. Hawaasni naannawaas tajaajila adda addaa warshichi kennaa jiruun fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 27/2011

Recommended For You

One Comment to “Warshaan Simintoo Daangotee hawaasa naannawaa fayyadaa jira”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *