
Finfinnee: Ummanni Oromoo seera, aadaafi duudhaa ganamaarratti hundaa’uun waldiddaan akka hiikkatu gochuuf Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaaa labsii lak.240/2013n Mana Murtii Aadaa hundeesse.
Labsicharratti hundaa’uudhaan walfalmitootni dhimmisaanii karaa Mana Murtii Aadaa akka ilaalamuuf fedhii qaban karaa salphaafi baasii qusatuufi haaloo murtoo booda isaan gidduutti uumamuu malu hambisuun kenniinsi tajaajila haqaa karaa mana murtii aadaatiin naannichatti kennamaa jira.
Oromoon kabajaafi fedha dhugaaf qaburraa kan ka’e dhugaan ilmoo Waaqati jedhee kan amanu yoo ta’u, hundeeffamni mana murtichaa falaasamaafi duudhaa sabichi dhugaafi haqaaf qaburratti kan hundaa’eedha.
Manni murtichaa akkuma waldiddaa namoota gidduutti uumamu keessatti abbaa haqaatiif haqa deebisuun rakkoo waldiddaa furuuf kaayyeffatee hojjechuu eegaleen dhimmoota karaa mana murtii idilee furmaata dhabanii baroota lakkoofsisan furmaata akka argatan gochuudhaan bu’aalee abdachiisoo argamsiisaa jira.
Iddoowwan manni murtii kun qabatamaadhaan hojiitti galee rakkoo waldhabdee furaa jiru keessaa tokko ammoo Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa, Kutaa Magaalaa Daabee, Aanaa Caffeeti.
Walittiqabaan Jaarsolii Mana Murtii Aadaa Aanichaa Abbaa Gadaa Tasfaayee Dachaasaa ibsa Kibxata darbe garee gaazexeessitootaa gaaddisasaanii daaw’ateef kennaniin akka jedhanitti, aanaasaaniitti manni murtichaa rakkoolee hedduu hiikaa jira.
Akka ibsasaaniitti, namoota osoo dhugaa qabanuu ragaa qabatamaa dhabuudhaan, abukaatoo bitanii falmachuuf humnaafi beekumsa seeraa dhabuudhaan haqa dhabaniif haqasaanii barbaaduudhaan dhugaasaanii galchuufiidhan manni murtichaa namoota hedduu aara galfachiisaa jira.
“Aniifi miseensotni jaarsolii hundi namootuma naannawa kanaa waan taaneef aadaafi safuu hawaasichaa sirriitti beekna, gaafa namootni walhimatanis ittidhiyaannee waan argamnuuf kan namootni dhiyeeffatanirra nama miidhameefi miidhe sirriitti qorannee bira gahaa jirra. Namoota hedduuf dhugaa argineerra, namootni waggaa 20 oliif mana murtii idileetti deddeebi’anii dhimmisaanii furmaata argachuu hindandeenye karaa mana murtii aadaa furmaata argatan hedduutu jiru” jedhan.
Adeemsa haqa baasuu keessatti gaafa namootni walhimataniifi deebii waliikennan sirna kakuu raawwatamu daran waan sodaataniif ragaa sobaa dhiyeeffachuufi sobaan walhimachuun waan itti ulfaatuuf adeemsicha keessatti akka dhugaan ragaa sobaatiin hinawwaallamne taasisa jedhaniiru.
Jaarsoliin aanichaa torbanitti guyyooa lama tajaajila kan kennan ta’uus himanii, torbanitti giddugaleessaan dhimmoota 20 ilaalu jedhaniiru. Manni murtichaa qabatamaan erga hojiitti galee waggaa tokko keessatti dhimmoota 192f furmaata kennuus eeraniiru.
Aadde Caaltuu Sajjoo namoota karaa Mana Murtii Aadaa Aanaa Caffee dhimmisaanii furmaata argate keessaa tokko yommuu ta’an, manni murtichaa abdii warra dhugaan jalaa jallateeti jedhaniiru.
Obboleessisaanii hangafti dhaala maatiisaanii lafa qonnaa baadiyyaafi magaalaa ishee dhorkee waggoota 15f kophaasaa ittifayyadamaa kan tureefi manneen murtii idilee sadarkaa adda addaarratti waggaa 14f falmaa turanis dhaala maatiisaanii dhabanii rakkachaa kan turan karaa mana murtiichaa adeemsa jalqabanii turtii ji’a afur hincaalle keessatti kan argatan ta’uu ibsaniiru.
Haqa Walootiif jiraachuun mana murtii aadaa murteessaadha jedhanii; uummatni qabeenya qabuunifi waan danda’u hundaan iddoo hundatti hojii mana murtichaa jajjabeessuu deeggaruu qabas jedhaniiru.
Aadde Burtukaan Baqqalaas haatiisaanii waggaa jaha dura boqochuu eeranii, abbaansaanii qabeenya lafa magaalaa gahee hadhasaanii isaan dhorke karaa mana murtichaa murtaa’eefii ji’a darbe keessaa abbummaan qabeenyichaa mirkanaa’eefii laficha safarachuu ibsaniiru.
Haqa argachuuf Aadde Burtukaan hanga Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti deemanis kan hinmilkoofne ta’uus eeraniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017