Roobeetti miidhamtoota qaamaa 41f deeggarsi Wiilcharii taasifame

Roobee: Deeggarsi kun walta’iinsa dhaabbata gargaarsaa ‘Agape Mobility Ethiopia’fi Waajjira Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa magaalichaatiin kan qophaa’e yoota’u; har’a bakka hoggansi mootummaafi qaamoleen garagaraa argamanitti miidhamtootaaf qaMagaalaa kenname.

Nama gargaaruuf nama ta’uun qofti gahaadha kan jedhan Ittigaafatamaan Waajjira Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa Magaalaa Roobee Obbo Jeeylaan Qaasim kaayyoon deeggarsa kanaa gama tokkoon ayyaanicha qaama miidhamtoota waliin kabajuuf gama biraatiin rakkoo isaan mudachaa tureef furmaata waaraa kennuuf deeggarsa qophaa’e ta’uu dubbatan. Deeggarsi Wiilcharii taasifame qarshii miiliyoona lamaa olitti akka tilmaamus ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu Mootummaa saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin; qaamaan miidhamuun sammuun miidhamuu akka hintaane  ta’uu ibsuun; gaddaaf gammachuu keessattillee namoota jireenya gadaanaa jiraataniifi qaamaan miidhamtoota of biratti yaadachuun hojii eebbifamaa namaaf rabbi birattillee galata qabu hojjachuutu nurraa eeggama jedhan. Namoonni deeggarsi taasifameefs galata dhiyeessaniiru jechuun Kominikeeshiniin Magaalaa Roobee gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You