Goobeefi Shinooyyee: Sirba gammachuu waqtii birraa

Finfinnee: Ummata Oromoo biratti Waqtiin Gannaa dukkanaafi rakkinatti fakkeeffama waan ta’eef bari’uun Birraa miira gammachuudhaan eegama.

Waqtiin Birraa yeroo itti walargan, yeroo midhaan ganna faca’e daraaree itti mul’atuufi yeroo dacheen magariisa uffattee itti bareeddu waan ta’eef ummatichi waqtii birraa kan ittiin simatu barsiifataafi afoolota garaagaraa qaba.

Birraan bari’uusaatiif dargaggeessifi Shamarran Oromoo miira gammachuusaanii sirba Goobeefi Shinooyyee sirbuudhaan ibsatu. Sirbootni kunneenis baay’inaan ergaa jaalalaa, hawwii gaariifi gootummaa kan dabarsan yoo ta’u, akkaataa barbaadamuun qoratamuun qixa guddachuu qabaniin guddachuu baatanis osoo hinbadiin har’a gahaniiru.

Sirboota kanneen agarsiisuun misoomsuuf waggoota Jahan darban keessa Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa sadarkaa naannootti Kaarnivaala Goobeefi Shinooyyee Magaalaa Finfinneefi magaalota Oromiyaa birootti waggaa waggaadhaan qopheessaa jira.

Hoggantuun biirichaa Aadde Jamilaa Simbiruu sagantaa Goolaba Kaarnivaalichaa baranaa Wixata darbe taasifamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Oromoon bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti yommuu ba’u miira gammachuusaa karaa ittiin ibsatu keessaa tokko Goobeefi Shinooyyeedha. Goobeefi Shinooyyeen har’a kan jalqabaman osoo hin taane durii kaasee yommuu Birraan bari’u Qeerroofi Qarreen Oromoo manaa manatti deemanii sirboota bari’uu Birraa ittiin labsaniidha.

Sirbootni calaqqee Oromummaa ta’an kunneen sirnoota darban keessa Finfinnee keessatti awwaalamanii turan jedhanii; mootummaan jijjiiramaa aarsaa saba Oromootiin aangootti dhufe sirbootni kunneenifi aadaan Oromoo lafa cabe hundatti deebi’ee akka misoomu gochuuf tarsiimoofi hojmaata mijataa bocee hojjechaa jira jedhaniiru.

Biirichi sirbootni kunneen beekamtii argachuun gara Kaarnivaalaatti akka guddatan taasisuun Yuneskoorratti (ENESCO) akka galmaa’anif hojjechaa kan jiru ta’uu himanii, sirbootni kunneen Qeerroofi Qarreen akka wal arganiifi hariiroosaanii akka cimsatan gochuuf kan gargaaraniidha jedhaniiru.

Guyyoottan 13 darban keessa Finfinneefi Shaggar keessatti akkaataa Qeerroofi Qarreen Kaarnivaalicharratti hirmaachuun aadaa Oromoo firaafi diinatti agarsiisaa turan daran kan nama boonsu ta’uu himanii, naamusni isaan agarsiisan kun guddummaa Oromoo kan agarsiisuudha jedhan.

Hundeessaafi Hojigaggeessaan Dhaabbata  Booraatii Arti Piromooshinii Dargaggoo Biruk Girmaa gamasaatiin akka jedhetti, Goobeefi Shinooyyee beeksisuufi guddisuuf hojiin nijalqabame malee hinxumuramne waan ta’eef qaamoleen waa’een guddina Aadaa Oromoo na ilaallata jedhan daran hojjechuu qabu.

Qabsoofi tokkummmaa kaleessa turetu Magaalaa Finfinneetti Oromoon bifa akkas bareeduun ayyaanaasaa akka kabajatu taasise jedhee, gara fuulduraattis Oromoon aadaasaa guddifachuuf tokkummaasaa eeggachuu qaba jedhe.

Dargaggootni guutummaa Oromiyaarraafi naannolee biraatirraa Kaarnivaalicharratti akka hirmaatan gochuun Kaarnivaalicha tokkummaa Saba Oromoofi tokkummaa Itoophiyaatif oolchutu barbaachisa kan jedhu dargaggoo Biruuk ayyaanotni dirreerratti kabajaman gonkumaa madda walitti bu’iinsaa ta’uu hin qaban jedhe.

Dursaan Hawwisoo Siifan Aadaafi Jiraataan Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaa Dargaggoo Firaa’ool Mogosis yaadota armaan olitti caqafaman qooddachuun akka jedhetti, “Finfinnee qe’ee akaakileefi Abaabilee keenyatti Aadaan keenya deebi’ee bifa kanaan yoommuu mul’atu arguun waan guddaadha.

Torbee lamaaf Finfinneefi Shaggar keessatti karaarratti, manneen nama dhuunfaa keessattiifi dhaabbilee gurguddaa keessatti Kaarnivaalichi gaggeeffamaa kan ture ta’uu himee; akkaataadhuma duudhaa Goobeefi Shinooyyeetiin mana nama guddaatii jalqabanii, gara Dhaabbileefi karaatti adeemuun agarsiisaa turre jedhe.

Magaalota lamaanitti kaarnivaalicha yoommuu gaggeessaa turretti aadaan bade deebi’uusaatiin baay’ee gammaduudhaan jiraattotni magaalota lamanii miira adda ta’een kennaa babbareedaa qopheessuudhaan hirmaattota kaarnivaalichaa simachaa kan turan ta’uus dargaggoon Firaa’ool ibseera.

Haaluma walfakkaatuun Kuraa Jiddaarraa tapha Shinooyyeerratti kan hirmaatte Shamarree Obsituu Wanduu akka ibsitetti, akkaataan dargaggootnifi Shamarran aadaasaanii itti agarsiisaa turan daraan abdii kan namatti horu ta’us, kaarnivaalicharratti namoota hedduu hirmaachisuuf akka danda’amu qaamni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru ofiisaatifis hubannoo qabaatee namoota dadammaksuufi deeggarsa taasisuurratti sochiin ture gadaanaadha.

Qeerroofi Qarreen Shaggarirraa gara Finfinnee deemanii Kaarnivaalicharratti yoommuu hirmaatan geejjibarraa kaasee deeggarsi barbaachisu taasifamuufii qabas jetteerti.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

Recommended For You