Omisha yeroo ammaa oyiruurraa jiru keessaa hektaarri miliyoonni 9.4 aramame

Finfinnee: Omisha bara 2016/17 sanyiin uwwifame keessaa hektaarri miliyoona 9.4 marsaa lammaffaaf aramamee kunuunfamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse. Hektaara kuma 195fi 143 irratti waagiin mul’ate biifaa keemikaalaa geggeeffameen dhibbaan 97 to’annoo jala ooluun ibsame.

Biirichatti darekterri eegumsa biqiltuu Obbo Boonaa Hirphasaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaafi akka ibsanitti, bara omishaa 2016/17tti hektaara miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwifame keessaa hektaarri miliyoona 9.4 (%90) marsaa lammaffaaf armamee kunuunfamaa jira. Kanneen hafanis aramaaf ga’aa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, Adoolessarraa eegalee hojiin duula torbee kunuunsa midhaanii labsame ammas ittifufeera. Yeroo ammaatti bakka armaan ga’etti armaan marsaa  lammaffaan gara xumuraarra ga’eera. Milkaa’ina hojii kanaaf ogeessoti biiroorraa kaasee haga gandaatti jiran oyiruurratti bobba’uudhaan sakatta’iinsafi hordoffii dhibee, armaafi ilbiisotaa gegggeessuun tarkaanfiin hatattamaa akka fudhatamuf deggersa ogummaa kennaa jiru.

Hordoffii haala qilleensaafi bu’aa qorannoo ogeeyyii federaalaafi naannoon hanga ammaatti jiruunis dhibeen akka waagii, keelloo, baalaafi jirmaa mul’achaa jira. Godina Arsiifi Arsii Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Baaleefi Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti waliigalaan hekitaara kuma 195fi 143 irratti mul’ateera. Yeroo ammaa hojii ittisaa dhibee midhaan oyiruurra jiruu qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himanii; hojii hanga ammaatti hojjetameenis waagii dhibbaan 97 to’annoo jala ooleera jedhan.

Dabalataaniis, dhibeen mataa qamadii daraaree gogsu keemikaalli akka biifamuuf deggersiifi gorsi ogummaa kennamaa jira. Godinaalee Arsii lamaan, Shawaa Lixaafi Kibba Lixaa sadarkaa keemikaalli biifamurra waan ga’efe keemikaaloti biifamaa jiru jedhan. Haaluma walfakkaatuun waagiin Ruuziirrattis mul’achaa waan jiruuf sakatta’iinsaafi bifaan akka geggeeffamuuf gorsi ogeessaa kennamaa jiraachuu himanii; avookaadoofis akka biifamuuf qophiirra jirama jedhaniiru.

Haala qilleensaafi bu’aa qorannoo ogeessotni federaalaafi naannoo geggeessan bu’uura godhachuudhaan dhibee waagii ittisuuf torbee sagaliif akeekkachiisi duraa kennamaa jira. Yeroo ammaa tana naannicha keessatti dhibee waagiif keemikaala liitira kuma 95fi 308 aramaaf liitira kuma 81 biifamuu eeraniiru.

Naannichatti miidhaa omisharra ga’u hir’isuuf qonnaan bulaas ta’e ogeessoti yeroo yeroodhaan oyiruusaanii hordofuu qabu jedhanii, keessummaa dhibeen akka wagiin xiyyeeffannoo argatee atattamaan tarkaanfiin yoon hinfudhatamne callaa akka miidhu himaniietu.

Akaakuuwwan gosoota midhaanii mallattoon dhibee utuu hinmul’atin dursee keemikaalli biifamu qabaniifis xiyyeeffannoo kennamee akka biifamuuf hundumatuu gaheesaa ba’uu qaba jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

 

Recommended For You