Irreechi Oromiyaafi Oromiyaan ala hanga Onkololeessa 30tti kabajama

Finfinnee; Irreechi Oromiyaafi Oromiyaan alatti hanga Onkololeessa 30tti kan kabajamu ta’uu Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.

Gumichi ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kenneen akka beeksisetti, Irreechi Hora Finfinnee Fulbaana 25, Hora Harsadeetti Fulbaana 26 Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Onkolooleessa 03, akkasumas Naannoo Gambeellaatti Onkolooleessa 10 bara 2017 kan kabajamu ta’a.

Walittiqabaan gumichaa Abbaan Gadaa Warqinaa Tarreessaa akka jedhanitti, Irreechi duudhaa ittiin kabajamu kan mataasaa waan qabuuf akkaataa duudhaasaatiin kabajuutu barbaachisadha.

Namni ayyaanicha kabaju marga jiidhaa, daraaraa keelloo qabatee, uffata aadaan faayamee, yoo danda’e faaruu irreessaa faarsuun kabajuu barbaachisaa ta’uu himanii; safeeffannaa Akaakileefi Abaabilee Oromoorraa dhaalameen kabajuun xinnaan guddaa jalaa goruun kabajuu qabna jedhaniiru.

Irreechi ayyaana guddaa Oromoon marri waaqa bacaqii gannaa keessaa isa baasee booqaa birraa isa gahe itti galateeffatu waan ta’eef hirmaattotni ayyaanichaa qajeeltoo Abbootiin Gadaa kaa’an hordofuun jaalala, tokkummaa. obbolummaafi gammachuutiin kabajuu qabu jedhaniiru.

Walittiqabaa Ittaanaan Gumichaa Abbaan Gadaa Gobaanaa Hoolaa gamasaanitiin akka jedhanitti, irreechi faajii tokkummaa uummata Oromoofi ayyaana hariiroo uummata Oromoofi Sabaafi Sablammoota biyya kanaa cimsuudha.

Kabaja ayyaanichaarratti jaalalaafi kabaja saba Oromoof qaban ibsuuf sabaafi Sablammootni naannoolee garaagaraarraa dhufan kan jiran ta’uu himanii; sabaafi Sablammoota kunneeniif Oromoon simannaa addaa taasisuun keessummeessuu qaba jedhaniiru.

Barreessaan gumichaa Abbaan Gadaa Abdurraazaaq Ahmad gamasaanitiin akka jedhanitti, irreessa amantiifi siyaasatti dhiibuun aadmaleedha. Ayyaanicharratti Faajii Abbaa Gadaatiin alatti mallattoo ergaa biraa qabu qabatanii argamuunis dhorkaadha jedhaniiru.

Akkuma sabootnifi biyyootni hedduun guyyaa galateeffannaa qaban Irreechis guyyaa Oromoon garaagarummaa tokko malee gamtaadhaan itti galateeffatu waan ta’eef namni kamuu irratti argamuu danda’a jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

Recommended For You