Finfinnee: Wiirtuuleen Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiran Aadaa ummata Oromoo Finfinneetti deebisuuf gahee guddaa taphachuu kan danda’an ta’uu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise.
Biirichatti Daarektarri Misooma Sona Aadaa, Afaaniifi Hambaa Obbo Takluu Buusaa ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Finfinneen lafa seenaan, aadaafi Afaan Oromoo itti awwaalame ta’uu waan haalamuu miti. Wantootni Oromummaa agarsiisan bakka kamuurra Finfinneetti akka awwaalamaniif sirnootni darban hojii hacuuccaa hojjechaa turan. Kanarraa kan ka’e magaalichatti agarsiistotni Oromummaa hunduu badanii turan. Waggaa 150 booda iddootti kan deebi’e irreechi Hora Finfinnee kanaaf agarsiistuu tokko.
Haata’u malee, jijjiirama siyaasaa akka biyyaatti waggoota jaha as aadaan saba Oromoo magaalichatti akka deebi’uuf mootummaan naannichaafi ummatni Oromoo waliin ta’uun hojjechuun hojiileen firii qabeeyyiin galmaa’aa jiru jedhan.
Gama afaaniitiinis hojiin Afaan Oromoo magaalichatti afaan barnootaa gochuu hojii bu’aa guddaan ittiin argame ta’uu himanii; biirichi agarsiistuuwwan Oromummaa dagaagsuuf yaadama qofaan osoo hintaane gochaan agarsiisaa jira jedhaniiru.
Magaalichatti aadaa Oromoo deebisuun tajaajila hawaasaaf oolchuun galii argamsiisuuf kan gargaaran pirojektotni sadii ijaaramaanii xumuramaa jiraachuu eeranii; ijaarsisaaniis bajata mootummaa guddaadhaan hojjetamaa jiru jedhan.
Pirojektota kunneen keessaa Kutaa Bulchiinsa Booleetti ijaaramee tajaajila kennuu kan jalqabe Giddugalli Qophiifi Leenjii Nyaata Aadaa Oromoo tokko ta’uu himanii; kaayyoonsaas nyaatniwwam Aadaa Oromoo godinaalee hundatti beekaman akkaataa qophileesaaniirratti leenjii kennuu, beeksisuufi qopheessuun alatti erguudha jedhaniiru.
Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Qirqoositti ijaaramaa kan jiruufi giddugalli Leenjii Aartii Oromoos dhibbantaa 80rra kan gahe ta’uu himanii; biyyattii keessatti giddugala leenjii aartii isa jalqabaa waan ta’eef Aadaa Oromoo beeksisuu bira darbee aartii biyyattiitiif abdii guddaadha jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Lidataatti Giddugalli Gabaa, Agarsiisaafi omisha Meeshaalee Aadaa Oromoo ijaaramaa jiru ijaarsisaa dhibbantaa 99rra kan gahe ta’uu ibsanii, giddugalichi meeshaaleen Aadaa Oromoo akka daawwatamaniifi gabaa argatan gochuuf kan kaayyeffateedha jedhan.
Gara fuulduraatti tarsiimoofi imaammata mijatoo mootummaa Fedaraalaafi Naannoo Oromiyaatiin ba’anitti dhimma bahuun Aadaa Oromoo Finfinneetti sirnaan guddisuuf kallattiin kan kaa’amuus Obbo Takluun ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017