Finfinnee: Ummatni malkaa Irreechaa bu’uu dura uumaafi uumamatti araaramuun jaalala dhugaa manasaa irraa eegaluu akka qabu Abbootiin Gadaa hubachiisan.
Abbootiin Gadaa tibbana Gaazeexaa Bariisaaf yaada kennan, Irreechi araara, nageenyaafi jaalala waan ta’eef osoo malkaa hin deemin dura araara buusuufi jaalala uumaafi uumamatti agarsiisuun manaa eegaluun sadarkaa biyyaatti tarkaanfachuu akka qabu ibsaniiru. Sirni irreeffannaas bu’uuruma duudhaa Irreechaatiin eebba Abbootii Gadaafi saaqiinsa Abbaa Malkaatii taasifamuun kabajamuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Finfinnee, Sabbooqaa Lataa akka jedhanitti, haaloofi cubbuu garaatti qabatanii kadhaaf malkaa bu’uun hiika hinqabu. Osoo malkaa hinbu’in dura jibbi jaalalatti akkasumas waldhabbiin araaratti jijjiiramuu qaba. Malkaa saaquu abbaa malkaan dura irreeffachuun aadmaleedha.
Abbaan Gadaa Sabbooqaan Oromoota Tuulamaa qubaan lakkaa’aman kanneen qe’eesaaniirratti hafuu carraa argatan keessaa tokko. Ummatni Oromoo maqaa misoomaan qe’eesaa Finfinneerraa dhiibamee ba’uu yaadachiisanii; keessumaa kabajni Irreechaa Hora Finfinnee baduunsaas ta’e deebi’uunsaa seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa waan qabuuf kabaja malu kennuun dirqama Oromoo maraa ta’uu hubachiisaniiru.
Deebi’uun Hora finfinnee kanaa Hacaaluu Hundeessaa dabalatee yaadannoo qabsaa’ota qaalii Oromooti jedhanii; Oromoon wayita gara Hora kanaatti imalu haala uffannaa, nyaataafi dubbannaasaatiin duudhaa safeeffachaa, wareegamtoota yaadachaa nagaafi jaalalaan irreeffachuu akka qabu dhaamaniiru.
Oromoon hammataa ta’uun cinatti Irreechis qabeenya biyyattii waan ta’eef tokkummaafi jaalalaan kabajuuf kutaalee magaalota Finfinnee hundatti marii hawaasaa taasifamerratti Abbootiin Gadaas hubannoo uumuu ibsanii; hundaa ol, kabajni ayyaanichaa kan nagaafi tokkummaan itti calaqqisu akka ta’uuf hunduu gaheesaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.
Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti Abbaa Gadaa kan ta’an Dhaabaa Takkaa gamasaaniin akka jedhanitti, Irreechi duudhaasaa eeggatee karaa nagaa akka kabajamuuf hojiin hubannoo uumuu qindoominaan kennameera. Oromoo gidduutti waldhabbiin gara waraanaatti ce’e waggaa haaraa kanatti araaraan goolabamuu qaba.
“Tiruun bultee lafee taati” akkuma jedhamu waldhabbiin Oromoo umurii dheereffatee cabaafi gaaga’amni mudatu dhaabbachuu qaba. Oromoon walcabsuu hin qabu. Abbootiin Gadaas Oromoo gidduutti araaraafi jaalala buusuuf ifaaja taasisan cimsanii kan itti fufan ta’a.
Abbaa Gadaa Lataa Bayyanaa, Abbaa Gadaa Galaan yommuu ta’an, sirnoota darban keessatti safuu Irreechaa mitii Oromoonuu cabee ture, Har’a garuu Oromoonis ta’e aadaansaa qabsoo taasifameen bakkatti deebi’uu himanii; keessumaa mallattoo araaraa, nageenyaa, jaalalaafi tokkummaa kan ta’e Irreechi nagaafi araara buusuun karaa fakkeenyummaa qabuun kabajamuu akka qabu dhaamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017