Ayyaanni Masqalaa ayyaana nagaa, jaalalaafi tokkummaan itticalaqqisiifamuudha

Finfinnee: Ayyaanni Masqalaa ayyaana nagaa, jaalalaafi tokkummaa agarsiisuun ayyaaneeffamu ta’uu Paatiriyaarkiin Batasakaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsan. Ayyaana Damaraa Masqalaa Kamisa darbe Finfinnee, Addababa’ii Masqalaatti kabajamerratti ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.

Ergaasaanii keessatti falaasamniifi ogummaan Giriikotaa giddugaleessa bahaa, Afrikaa Kaabaafi Ardii Awurooppaatti babal’atetti Yesuus Kirstoos foon uffatee biyya lafaarratti dinqiiwwan garagaraa raawwachuu eegale. Hinaaffaan irratti ka’uudhaan fannoorratti fannisanii ajjeesuun fannoosaa awwaalan.

Garaagarummaan yeroo sana jalqabame har’as yaaddoofi madda walitti bu’iinsaafi garaagarummaa ta’ee addunyaa kanarraa mul’ataa jira. Biyyi keenya Itoophiyaanis ayyaana Masqalaa kana kutaalee addunyaa kamuurra kan ayyaaneffattu ta’us ergaan jaalalaafi tokkummaa mul’achaa hinjiru.

Fannoon awwaalamus ergaan laphee namootaa keessa waan hinawwaalamneef mootittii Illeeniidhaan fannoon barbaadamee argamuudhaan injifannoo warra humna hafuuraa mormaniirratti ta’e yaadachuuf ayyaanni Masqalaa ayyaaneffama.

Wayita ayyaanaa kana ayyaaneffannus jaalala Yesuus fannoorratti dhaale namoota hundaaf jedhee agarsiise fudhachuudhaan namoota hunda ija walqixaan ilaaluu, jaalachuufi tokkummaa qabaachuu qabna. Hiikaan fannoos isa kana jedhaniiru.

Batasakaana Ortodoksii Itoophiyaatti, hoji gaggeessaa olaanaan Waajjira Patiriyaarikiifi lallabaan biyyaa Baahirdaarifi Goojjamitti duree phaaphaasotaa Abbaa Abrihaam ayyaanni Masqalaa hordoftoota amantichaa biratti ayyaana bal’inaan kabajamuudha. Masqalli ayyaana fannoon mallattoo nageenyaafi jaalalaa ta’ee itti mul’ateedha.

Wayita ayyaana kana ayyaaneffannu guyyichi guyyaa itti dhala namaafi Waaqayyoon gidduutti araarri bu’e guyyaa injifannoon humni hafuuraa itti galmaa’e ta’uu yaadachuu qabna. Yesuus fannoodhaan warri walirraa fagaatan akka walitti dhufan, warra badan ittiin deebiseera. Kanaaf, fannoon mallattoo jaalalaafi tokkummaan ta’uu himanii; yeroo ayyaana kana kabajnus fannoon mallattoo jaalalaa, nagaafi tokkummaa ta’uu hubachuudhaan fannoodhaan nagaa, jaalalaafi tokkummaa lallabna jedhaniiru.

Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatti Bataskaana Dabra Bisraat Qiddus Gabireelirraa Qasiis Solomoon Yahuwaalaasheet ayyaanni Masqalaa guyyaa Yesuus jaalala dhala namaaf jedhee injifannoon galmaa’e yaadachuuf ayyaaneffamuudha. Namooti yeroo waldhabanitti jaalala akka qabaatan barsiisuuf fannoorratti du’e.

Jaalala inni dhala namaaf kenne nutis walii keenyaaf qabaachuun akkasumas, jaalala kan ittibarsiifnuudha jedhaniiru. Namootni afaan, aadaa garagaraa jiru jaalalaan walittidhufanii tokkummaan jiraachuuf jaalala Yesuusirraa argatan hojirra oolchuu qabu. Yoo kun ta’e nagaafi tokkummaan keenya cimaa jedhaniiru.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Shawwiit Shaankaa gamasaaniin ayyaanni Masqalaa qabeenya Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’edha. Yesuus jaalalasaa qomoofi afaanii utuu hinqoodiin fannoorratti du’e yaadachuu kan ayyaaneffamu ta’uu himanii; hordoftooti amantichaa ayyaanichi jaalala Yesuusirraa dhaalaniin walgargaaruun waloominaafi tokkummaa waan cimsaniif ayyaana waloo keenyaati jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You