Naannoo Oromiyaatti Horsiise bultoonni fayyadamtoota Inshuraansii Beelladaa akka ta’an hojjetama jira

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti horsiise bultoonni fayyadamtoota inshuraansii beelladaa akka ta’an hojjetama jiraachuu Biiroon Misooma Jallisiifi Horsiise Bulaa Naannichaa beeksise.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Roobaa Turcee akka himanitti, horsiisee bulaan naannichaa rakkoo sababa hongeen mudatuun miidhaa irra gahuurra akka damdamatu hojiiwwan hedduun hojjetamaa jira.

Hojiiwwan hojjetama jiran keessaa horsiisee bulaan Inshuraansii beelladaa akka argatu, misooma qonna jallisii babal’isuu fi misoomaa nyaata beelladaarratti xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.

Keessattu godinalee adda addaatti aanaalee 45 keessaatti horsiise bultoonni ittifayyadamtoota Inshuraansii beelladaa ta’uus miseensa inshuraansii beellada ta’uu eegaluu himaniiru.

Biirichatti daarektara pirojektii naannawwaa horsiisee bultootaatti sodaa balaa hongee hiri’usuufi Inshuraansii beelladaa kan ta’an obbo Ayyalee Qana’aa gama isaaniin; Horsiise bultoonni sababa hongee yeroo yeroon mudatuun hanga barbaadamu fayyadamoo ta’aa hinjiran jedhaniiru.

Pirojeektichi inshuraansii beelladaa dhiheesuun cinaatti haala qilleensaa naannaawwa bu’uura godhachuun nyaata beellada, roobaagi hongee jiraachuu danda’urratti ofeeggannoo duraa, hubannoofi ijaarsa dandeetti hojjecha jira jedhaniiru.

Hanga ammaati abbotiin warraa kuma 50fi 715 ta’an miseensa Inshuraansii beelladaa ta’uuf galmaa’uu himanii; kanneen galmaa’an keessa dhibbeentaan 43 kan ta’an dubartoota jedhaniiru.

Horii gaafaa, Gaala, Re’ee fi hoolaan beelladota Inshuraansii beelladaa keessatti hammataman ta’uu eeranii; bara kana horsiise bultoota kuma 30 miseensa inshuraansii beelladaa taasisuuf karoorfamee hojiin jalqabamuu himaniiru.

Kanaanis beelladoota kuma 90 oliif birrii miliyoona 120 kanfaltiin inshuraansii walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Pirojeektin kun rakkoo hawaasa horsiise bulaa kan furu ta’uu himanii; naannawwaa gammoojjiitti haala jijjirama qilleensaa irratti odeeffannoo gahaa akka argatan, rakkoowwan ilaalchaa naannawwa kanneen jiran akka furamaniigi hunduu fayyadamtoota tajaajilaa kanaa akka ta’an karaa ittifufinsa qabuun ni hojjetama jedhaniiru jechuun TOIn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You