Omishni oyiruurraa haala gaariirra jiraachuu Oromiyaafi Sidaamaan ibsan

Finfinnee: Omishi bara 2016/17 oyiruurra jiru haala gaariirra jiraachuu Biiroleen Qonnaa Naannolee Oromiyaafi Sidaamaa ibsan. Naannolee lamaanitti callaa kuntaalli miliyoona 349.5 akka eegamu ibsameera.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii Obbo Muusxafaa Huseen ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhantti, Oromiyaatti midhaan akaakuuwwa garagaraa qonna gannaatiin qotaman oyiruurratti haalaa gaariirra jiru. Qophii lafaarraa eegalee qindoominaan hojiiwwan hanga kunuunsaatti hojjetaman milkaa’ina galmaa’eef sababa.

Akka ibsasaaniitti, naannichatti qonna ganna bara 2016/17tti lafa hektaara miliyoona 10.8 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame keessaa lafa hektaara miliyoona 10.5 ol sanyiidhaan uwwisuun danda’ameera. Yeroo ammaas midhaan oyiruurra jiru keessaa kaan daraaranii, gariin ammoo ija guuttachaa jiraachuu himaniiru. Haalli oyiruurraa mul’atu karoora callaa kuntaala miliyoona 337 ol argachuuf qabame bira ga’uuf kan abdii namatti horuudha jedhaniiru. Kanaafis, hojiiwwan kunuunsa midhaan oyiruurra jiruu ittifufeera jechuun eeran.

Qophii lafaarraa eegalee hojiiwwan qindoominaan hojjetaman, kilaastaraan misoomsuufi guddistuun callaa yeroosaa eegee of eeggannoon raabsameera. Haaluma kanaan barana guddistuu callaa kuntaala miliyoona 8.4fi sanyii filatamaa kuntaala miliyoona 1.4 olii qonnaan bulaa dhaqqabsiisuun danda’ameera jedhan Obbo Musxafaan.

Midhaan oyiruurra jiru akka dhibee adda addaan hin hubamneef hordoffiifi to’annoon gaggeeffamaa jiraachuu himanii; hanga ammaatti keemikaalli liitira miliyoona 2.6 faayidaarra ooleera. Roobni baranaa daran ulfaataa ta’us hanga ammaatti sababa roobaatiin midhaan faca’ee oyiruurratti miidhame hinjiru jedhan.

Qonnaan bulaa baasii hedduu baasuun omisha oyiruurra jiru dhibee, waagiifi ilbiisota adda addaan akka hinhubamneef gorsa ogeessaa giddugaleeffachuudhaan hordoffiin to’annoon taasifamuu qaba. Godinaalee Arsii lamaaniifi Baaleetti mallattoon dhibee omisha qamadiirratti mul’ate hordofamuu qabas jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Naannoo Sidaamaa Obbo Baanguu Baqqalaa gamasaaniin, ammaan tana qonna gannaatiin omishni oyiruurra jiru haala gaariirra jira. Naannichatti qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 142 sanyiidhaan uwwisuuf hojjetamaa jira. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis lafti hektaarri 106 sanyii midhaan garaagaraan uwwifamuu ibsaniiru.

Hojii eegalame ittifufsiisuuf fayyadama guddistuu callaa, dhibee midhaan hubanirratti hordoffiifi to’annoon hoggantoota naannoo hanga gandaatti jiranii gaggeeffamaa jira. Waliigala omisha gannaa irraa callaa kuntaala miliyoona 12.5 tu eegama jedhan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You