Barattoota qaxalee egeree Oromiyaaf abdataman

Finfinnee: Akka biyyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa fooyya’iinsi sirna qormaataa isa tokko. Kana dura barataan hatees haa ta’u hojjetee wanti eegamu darbuusaati.

Jijjiiramaan booda garuu barataa cimee qormaata hojjete qofti akka darbuuf sirni kenniinsa qormaataa cimuusaan barattoota hanna baraniif qabxiin darbiinsaa yaaddoo guddaa ta’aa dhufeeera. Yeroo qabxiin darbiinsaa barattoota hedduuf yaaddoo ta’e kanatti barattoonni cimanii qo’achuun seenaa hojjetaniifi hojjechuuf qophiirra jiran akka jiran hubachuun barbaachisaadha.

Wayita akka biyyaatti qormaata kutaa 12ffaa bara 2016n manneen barnootaa hedduun barataa tokkoyyuu hindabarsinetti manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran hedduun barattoota guutummaatti dabarsan jiru. Gaazexaan Bariisaas milkaa’ina Mana Barumsa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaafi barattootasaa irratti barataafi hoggansa mana barumsichaa akkasumas barattuu mana barumsaa Karaabuu Sadarkaa 1ffaa Kutaa Magaalaa Furii waliin turtii taasiseera.

Barataa Bilisummaa Jabeessaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa yommuu ta’u, qormaata kutaa 12ffaa baranaa qabxii 559 wayita galmeessu barnoota Herregaa 100 keessaa dhibba galmeessisuu danda’eera. Bilisummaan kutaa 5ffaa kaasee hubannoo barnootaa gabbifachuun daree keessatti sadarkaa 1ffaa-

2ffaa ba’aa as ga’e. Qormaatni kutaa 8ffaa yeroo dhibeen koronaa yaaddoo uume ta’us manatti jabaatee qo’achuun qabxii %95.2 fidee dorgomuun Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO seenuu ibseera.

Kufaatii qormaataa kutaa 12ffaa caalaatti dadhabbii barataafi hawaasa mana barumsaa birooti kan jedhu barataa Bilisummaan; mana barumsaa bultii addaa kanatti deeggarsa addaa taasifamuufi miira waldorgommii barattoota gidduu jiruun milkaa’ina ajaa’ibaa galmaa’uu hubachiiseera.

Mana barumsaa kanatti akka maatiitti barumsatti walonnachiisuu malee jaalalaan walgufachiisuun akka hinjirre himee; kanaan booda biyya keessattis ta’u alatti carraa argatu hundaan saayinsii kompiitaraa barachuun biyya tajaajiluuf karoora akka qabu ibseera.

Barattuu Meetii Fiqaaduu Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti  Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Karaabuu baratti. Akka isheen jettutti, cimanii hojjennaan qormaata miti rakkoo kamuu injifannoon darbuun ni danda’ama. Qormaata kutaa 6ffaatti qabxii darbiinsaa %95 fiduun gara kutaa ittaanuutti darbite. Daree keessattis sadarkaan gara kutaa ittaanuutti darbaa as geesse. Qormaata kutaa 8ffaaf gamanumaan qophii eegaltee jirti. Karooraan waan fayyadamtuuf yeroon ishee biratti qisaasa’u hinjiru.

 

Gama biraatiin Daarektarri Ittaantuun Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Aadde Meetii Taayyee gamasaaniin akka jedhanitti, milkaa’ina manni barumsichaa barana galmeesseef yeroo qixa sirriin fayyadamuun shoora guddaa gumaacheera. Hawaasni barnootaa hundi, keessattuu barsiisaan barumsa kennuurratti, barataan ammoo barumsa fudhachuurratti nuffii tokko malee hojiitti hiikamaa ture.

Barsiisonni magaalaa Adaamaa keessatti gad ba’anii hojii dabalataa hojjechuuf carraa qabu turan jedhanii; haa ta’uutii, barattoota maatii dhiisanii dhufanii hawaasa mana barumsichaa maatii taasifatan kunuunsuufi deeggaruun ittigaafatama guddaa taasifachuun yeroosaanii hunda barataa deeggaruurratti akka dabarsan ibsaniiru. Dadhabanii hojjennaan wanti hinmilkoofneefis hinjiru jedhaniiru.

Mana barumsichaatti barattoota kutaa 12ffaa 169 (dhiira 99fi shamarran 70) qormaataaf taa’an keessaa hunduu qabxii qormaataa 600 keessaa 350 ol fiduun darbaniiru. Barattoota dhiiraa 44fi barattoonni shamarranii 14, waliigalaan barattoonni 58 qabxii 500fi isaa ol galmeessuu himanii; gammachuu milkaa’ina argame kana keessaa ba’uun bara ittaanutti milkaa’ina caaluuf kan hojjetan ta’uu yaadachiisaniiru.

 

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You