Ijaarsi waajjiraalee gandoota Oromiyaa hundi ji’a kana eegalama

Finfinnee: Ijaarsi waajjiraalee gandoota Oromiyaa hundi Fulbaana kana keessa kan eegalu ta’uu Biiroon Paablik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Humna Namaa naannichaa beeksise.

Ittaanaan Hogganaa biirichaa Obbo Daamxoo Gammachuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, mootummaan naannichaa tajaajila dhaqqabaa ta’e hawaasa naannichaaf kennuun hawaasicha hiyyummaa keessaa baasuuf kaayyeffatamee gurmaa’insi gandaafi aanaa bifa haaraan akka hojjetamu taasifame.

Gandootni baadiyyaa bara 1969 irraa eegalee kan gurmaa’an ta’uus, namootni gandoota keessa hojjechaa turan namoota hawaasasaanii tola tajaajiluuf fedhii malee barnoota hin qabne ta’uurraan kan ka’e hojii gandaa tola ooltummaan malee mindeeffamanii akka hojjetanis waan hintaasifamneef yeroo mijatuuf qofatti hawaasa tajaajilaa turan.

Namoota kunneeniifis ta’ee caasaa gandaatiif mootummaan xiyyeeffannoo waan kennaa hinturreef namootni kunniin leenjii gahaas argachaa hinturre. Hojii mootummaa hojjechuufis waajjiraafi meeshaalee waajjiraa hinqaban ture. Kun ammoo caasaan gandaa walumaagalatti humna akka hinqabaanne taasisuun adeemsa mootummaa cimaa hundeessuuf qabametti gufuu ta’aa tureera.

Gufuu kana buqqisuuf seenaa biyyattii keessatti caasaa haaraa ta’e caasaa gandaa gurmeessuufii jajjabeessuun akkasumas hojii baay’ee gandatti gadibuusuuf karoorfamee hojiitti hiikamuu himanii; barbaachisummaansaas caasaa aanaa irra deebiidhaan gurmeessuun amanamee qorannoodhaan adda baafamee hojiitti galamuu dubbataniiru.

Bu’uura qorannoo taasifameenis namni ogummaadhaan hawasasaa akka tajaajiluuf hoggantoota barnoota qaban kan kanaan duraa aanaarratti hawaasa tajaajilaa turan bu’uurri waan hundaa ganda waan ta’eef mataduree, “Buluunis bulchuunis ganda” jedhuun gandootatti ramadamanii hawaasasaanii akka tajaajilan taasifamaa jira.

Akka ibsa Obbo Daamxootti, caasaan gandaa haaraa gurmaa’e kun aanaasaarraa bajata hojii raawwachiistuun akka ramadamuuf seeraan kan murtaa’e yommuu ta’u, caasichi galii keessoosaa akka maddisiisuufi qabeenya gandasaa keessa jiru bulchuuf aangeffameera.

Hirmaannaa ummataafi bajata mootummaatiin waajjira caasaa kana madaalu ijaaruuf koreen hundaa’ee Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaafi Biiroo Manneeniifi Misooma Magaalaa waliin ta’uudhaan hojjechaa jira. Iddoo tokko tokkotti gandootni kanaan dura ijaarsa jalqabanis jiru.

Gurmaa’insa gandaafi Aanaa taasifame kanaan hojiilee hedduun godinarraa gara aanaafi gandaatti gadi bu’uu himanii; gurmaa’insi kun dhiibbaa hojii godinarra ture daran hir’isuu danda’as jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You