Baatuutti omisha timaatimii dubartoota gurmaa’aniin misoomaa jiru

Baatuu: Waggoota muraasaa as qonna magaalaatiif xiyyeeffannaa olaanaan kennamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin gama kanaan dubartoota qaxalee gurmaa’aniin Magaalaa Baatuutti hojjetamaa jiru fakkeenyummaan kan eeramuudha.

Bulchiinsi magaalichaa kanuma hubachuun oyiruu bal’aa dubartoonni timaatimii irratti omishaa jiran kutaalee hawaasaa adda addaa daaw’achiisaa jira. Gaafa nuti magaalattiitti argamnes (baatii Waxabajjii torbee jalqabaa) dargaggoonni magaalattii oyiruu misooma timaatimaatiin magariisa uffatee ija namaatti tolu, haalaan qalbii namaa hawwatu daaw’ataniiru.

Dargaggoonni magaalattii dura bu’ummaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalattii Obbo Ahmaddiin Ismaa’eliin oyirichaafi hojiilee misoomaa biroo kan daaw’atan yoo ta’u, sagantichaan hojii qonna magaalaa, pirojektootaa bara 2016 keessa hojjetaman, hojiilee tajaajila lammummaatiin raawwataman ilaalaniiru. Kanneen keessaa dura kan daaw’atameefi qalbii gargaggootaa daran hawwate oyiruu timaatimii dubartoota qofaan misoomaa jiruudha.

Qonna magaalaatiin maniiwwan ijoo lamatu milkaa’ee mul’ata kan jedhan kantiibichi; oyiruun timaatimii kun iccitii biraa of keessaa qaba jechuun ibsaniiru. Iccitichis oyiruun timaatimii dubartoota hojii malee taa’aa turaniifi booda waldaan ijaaraman qofaan misoomaa jiraachuu dubbatan.

Timaatimichi haalaan kunuunfamee misoomaa jiraachuun oyiruurraa sirriitti mul’atu kun, guyyoota muraasa keessatti nyaataaf akka qaqqabu himaniiru. Dargaggoonnis muuxannoo kana fudhatanii akka hojiirra oolchaniif Kantiibaa Ahmaddin imaanaa jedhaniiru.

Dubartoonni qarshuma xiqqoo qaban walittibuusanii hojichatti seenan, ammaan tana kaappitaallisaanii qarshii kuma 600 gahuus ibsanii; dargaggoonnis taa’anii harka mootummaa eeguu qofa otoo hintaane walgurmeessanii kutannoon hojiitti seenuu akka qaban dhaamaniiru.

Dura teessuun Gurmuu Misooma Oyiruu kanaa Aadde Raadiyaa Nashaa yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, horsiisa raammoo haarrii jedhamurraa ka’uun sadarkaa kanarra ga’an. Amma sadarkaa timaatimii omishnee gabaaf dhiyeessuurra ga’ameera jedhaniiru.

Kan gurmaa’anii hojiitti seenan bara 2012 ta’uus eeranii; bu’aa hojii waggoota afran darbanitti cichanii raawwatanii argaa jiraachuu ibsaniiru.

Jalqabarratti namoota 100 (dubartoota 64fi dhiirota 36n) ta’anii gurmaa’anii hojjechaa turuu yaadachiisanii; “Isaan keessaa warri dhiiraa waan guyyaa guyyaan qarshii hin arganneef obsa dhabanii akkuma jiranitti yaa’an. Namni obse wayitti baha” jechuun taajjabbiisaaniifi milkaa’ina har’a irra gahan ibsaniiru.

Dubartoonni magaalaafi dargaggoonni sochii miseensonni waldichaa taasisaa jiran akka muuxannootti fudhachuun kutatanii hojitti seenuu akka qabanis cimsanii gorsaniiru. Kanaanis ummata fayyadaa, biyyas ofis guddisna jedhan Aadde Raadiyaan. Kantiibaafi dargaggoota oyiruusaanii daaw’achuun hamileesaanii jajjabeessanis galateeffataniiru.

Miseensota waldichaa keessaa tokko kan ta’an Aadde Immiyyuu Maammoos gamasaaniitiin, omishni timaatimiisaanii yeroo gabaabaa keessatti gabaaf akka dhiyaatu eeranii, omishasaanii gatii madaalawaadhaan gabaaf waan dhiyeessaniif qaala’ina gatii tasgabbeessuu keessattis shoora olaanaa kan qabaatu ta’uu dubbataniiru. Bakki gurgurtaas waan qophaa’eefiif yaaddoo gabaa kan hinqabne ta’uu eeraniiru. Omishicha jallisiidhaan gaggeessaa jiraachuus eeraniiiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You