Finfinnee: Daawwannaan Kibxata darbe Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Sudaanitti taasisan daawwannaa seenaqabeessa ta’uu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.
Ministirri ministeerichaa Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaasee daawwannicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, gaggeessitoota biyyoota hundaa keessaa yeroo Sudaan lola keessa jirtu kanatti dursee yaada nageenyaa qabatee biyyicha kan dhaqe Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad ta’uu eeraniiru. Daawwannaan kun bu’aa dippilomaasii bira darbee hariiroo ummata Itoophiyaafi Sudaan kan cimsuudhas jedhan.
Waldhabdee Sudaan keessa jiru furuuf sochiilee hedduun taasifamanis hanga ammaatti wanti lafa qabate hinjiru kan jedhan ministirichi, waldhabdee jiru furuuf Itoophiyaan akka ollaa gaariitti gumaacha ijaarsaa arjoomuu kan ittifuftu ta’uu ibsaniiru.
Sababa waldhabdee mudateenis Itoophiyaan lammiilee Sudaan qe’eesaaniirraa buqqa’an kuma 50 simattee keessummeessaa jirti jedhaniiru.
Nagaya dhabuun Sudaan kana caalaa ittifufuu hinqabu kan jedhan Ambaasaaddar Taayyeen, dhimma nageenyaatiif Ministirri Muummee Itoophiyaa yeroo sadaffaaf Sudaan kan deeman ta’uu dubbataniiru.
Waldhabdeen Sudaan keessa jiru nageenya gaanfa Afrikaaf yaaddoo waan ta’eefi nageenyishii nageenya Itoophiyaa waan ta’eef Itoophiyaan nageenya gaanfa Afrikaaf ilaalcha gaarii qabdurraa kan ka’e tasgabbii biyya Sudaanif nihojjetti jedhaniiru.
Biyyattiitti qaamotni waldhabdeen giddusaanitti uumame sababa rakkoo nageenyatiin gidiraa ummatni keessa jiru hubatanii rakkoo nageenyaa jiru mariidhaan furuuf of qopheessuu akka qaban waamichasaanii dhiyeessaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016