Barana Oromiyaatti pirojektootni kuma 21 eebbifamaa jiru

Buraayyuu: Pirojektii eegalame ji’oota shaniifi ja’a keessatti hojiinsaa xumuramee tajaajilaaf oolu arguun biyya kanatti seenaa baratamaa hinturre.

Wanti raawwii pirojektotaatiin walqabatee biyya kanatti baramaa ture ijaarsa pirojektii waggaa lamatti xumuruuf karoorfame gara afuritti, isa afurii ammoo gara saddeetitti ol butuutu ture. Kanaaf immoo pirojektota yeroo qabamaniifitti osoo hinxumuramne yeroo dabalataa fudhachaa turan hedduu kaasuun ni danda’ama.

Waggoota afran darbanitti garuu barsiifanni hojii ijaarsa pirojektotaatiin walqabatee harkifannaan beekamaa ture geeddaramee yeroo gabaabaa keessatti xumuruun aadaa haaraafi hojii idilee ta’aa dhufeera.

Akka Oromiyaatti bara darbe pirojektotni baay’een yeroo qabameefitti xumuramuudhaan kan eebbifaman yemmuu ta’u, baranas akka walii galaatti pirojektotni kuma 21 qulqullinaafi saffisa barbaachisuun xumuramanii eebbifamaa jiraachuu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Saadaa Abdurahmaan ni dubbatu.

Raawwiin pirojektota naannichatti mul’achaa jiru jijjiiramni olaanaan kan keessatti mul’atu ta’uu sagantaa eebba pirojektotaa Magaalaa Shaggarirratti kan himan Aadde Saadaan, keessattuu magaalaan Shaggar kan Oromoon fedhii addaa irratti qabu waan ta’eef gama kanaan hojii fakkeenyummaa qabu galmeessisaa jiraachuu ibsu.

Akka ibsasaaniitti; mootummaan jijjiiramaa gaaffii kuufamaa Oromoon qabu deebisuuf tarkaanfii fudhate keessaa inni tokko qonnaan bulaa Finfinnee marsee jiruufi maqaa misoomaatiin buqqa’aa tureefi gaaffii abbaa biyyummaa ummatichaa deebisuuf magaalaa Shaggar hundeesseera. Hundeessuu qofti waan galma hintaaneef pirojektota sadarkaa magaalota guguddoo eeggatan ijaaranii tajaajilaaf oolchuun dirqama.

Kanuma bu’ura godhachuun magaalaan Shaggar erga hundaa’ee umriinsaa gabaabaa ta’us hojii hatattamaatiin pirojektota yeroo gabaabaa keessatti xumuruudhaan magaalota birootiif fakkeenya ta’aa jira.

Magaalaa Shaggaritti bara bajataa 2016f pirojeektota 406 ta’an diriirsuuf karoorfamuufi kana keessaa hanga ammaatti 315 xumuramanii tajaajilaaf qophaa’uu Kantiibaan Magaalattii Doktar Addunyaa Dabalaa ni dubbatu.

Hundaa’uun magaalaa Shaggar pirojektotni haaraa humna magaalattiitiin akka diriirfamaniif dandeettii guddaa uumuus himanii, Magaalaan Burraayyuu duraanii ammaan tana kutaalee magaalota sadiitti adda bahe waggaatti qarshii biiliyoona tokko sassaabaa ture. Barana garuu kutaan magaalaa tokko (Malkaan Noonnoo) qophaasaatti qarshii biiliyoona 2.2 ta’u sassaabe jechuun dandeettiin gibira sassaabuu dabaluu ibsan.

Dandeettiin sassaabbii gibiraa dabaluu kun immoo pirojektootni misomaa baay’inaafi qulqullinaan akka ijaaramaniif sababa ta’aa jiraachuus Doktar Addunyaan eeraniiru. Hoggansi magaalaa Shaggar eebba pirojektotaa cinatti biqiltuus dhaabeera.

Labsiin tajaajila lammummaa Caffeedhaan bahe ummanni kennaa tajaajila tolaarratti akka hirmaatu kakaasuudhaan baay’ina pirojektotaa dabalaa kan jiru yemmuu ta’u, walakkeessa Waxabajjiirraa eegalee godinaaleefi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa hundatti eebbi pirojektotaa bal’inaan adeemsifamaa jiraachuun ni beekama.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You