Milkaa’ina marii biyyaalessaatiif hunduu qoodasaa ba’achuu qaba

Finfinnee: Nageenya Itoophiyaa waaressuuf tarkaanfiin humnaa hinfudhatamne hinjiru. Rakkoon biyyattii garuu guyyaadhaa gara guyyaatti guddachaafi walxaxaa dhaloota har’aa bira ga’eera.

Doktar Abiyyi Kamisa darbe wayita gaaffiilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateefiif deebii kennan, walitti bu’iinsi dhaala biyyattii barootaa ta’ee, sirnaafi dhaloota har’aas akka malee qoraa jiraachuu dubbatan.

Walitti bu’iinsi rakkoo hamaafi sakaallaa guddina dinagdee ta’uu ibsanii; har’as taanaan namootni jibbaan machaa’anii ummata walitti buusuun biyya diiguuf halkanii guyyaa hojjechaa jiran jiraachuu hubachiisaniiru. Walitti bu’iinsaan gaaga’amni hawaasummaafi dinagdee uumamu hamaa ta’uu taatee baroota darbaniirraa barachuun hunduu mariif akka of qopheessu himaniiru.

Jibbaafi waldhiibuun ammaan tana qormaata biyyattii ta’e kun bakka tokkotti dhaabbatee mariin goolabamuu baannaan egeree hamaa dhaloota dhaalchisuuf dirqamna kan jedhan Doktar Abiyyi, mootummaan nageenyi waaraan akka bu’uuf Komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuu cinatti dirqama irraa eegamu hunda ba’achaa jiraachuu himaniiru.

Abbootiin Amantaafi Haadholiin Siinqee Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf yaada kennanis, biyya badhaateefi namni hundi walkabajaafi jaalalaan keessa jiraatu uumuuf milkaa’ina marii biyyaalessaaf qoodasaanii ba’achuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Hajii Naasir Abdallaa miseensa Koree Raawwachiiftuu Majiliisaa Magaalaa Shaggar yommuu ta’an, akka qajeelfama amantaa Islaamaattis ta’ee aadaa Oromootti mariin bakka guddaa qabaachuu cinatti mootota duriirraa haala adda ta’een gaggeessaa mariif dursa kennu argachuun Itoophiyaaf carraa guddaafi abdii nageenyaa ta’uu dubbatu.

Biyya rakkoo hamaa keessa jirtu kana mariin ceesisuu baannaan eenyummaa, amantaa, siyaasaafi ilaalchaa qofaan kufuu osoo hin taane kufaatiin waloo mudachuu mala. Isaanis akka abbaa amantaafi jaarsa biyyaatti bakka deeman hundatti ambaasaaddara nageenyaa ta’uun ummatni gara mariitti akka dhufu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Oromoon ummata aadaa marii gabbataa qabuufi lubbuu tasa badeyyuu sirna gumaan araarsudha. Gaaddisa mukaa jalatti qabxiileen waldhabbii erga dhiyaatee booda abbootii gadaafi jaarsolii biyyaa bitaafi mirga dubbii ilaalanii kan miidheefi miidhame garaarraa walii dhiisanii akka walitti araaraman taasifama kan jedhan ammoo Haadha Siinqee Qamariyaa Ahimadi. Aadaan kun gabbatee Ormaafis bifa fakkeenya ta’uun milkaa’ina marii biyyaalessaa keessatti shoora haala gumaachurratti hojjetaa jiraachuus yaadachiisaniiru.

Haati Siinqee Kabaa Bayyanaa gamasaaniin akka jedhanitti, biyya hundaaf ta’u ijaaaruuf marii dursuun filannoo hundaa ta’uu qaba. Marii keessatti mo’ataafi mo’atamaan hin jiru, caalaattuu garaa bal’achuun dubbii hanbisuun waan egereellee bareechatu.

Keessattuu Oromoon diina walgodhachuu, haaloo walitti qabachuufi maqaa walballeessuu keessaa ba’uu qaba. Mariin ala carraaqqiin biroo badiisaafi kufaatii fida. Isaanis akka Haadha Siinqeetti gamanumaan nama waldhabe walitti araarsuurratti hojjetaa jiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You