Finfinnee: Saboota ijaarsa Itoophiyaa keessatti gahee leencaa qaban seenessaan xiqqeessuu hojiin jaarraa tokkoofi walakkaa ol hojjetame nama isaan keessaa dhalatetti gaddiifi cabiinsi uumu olaanaadha. Akkuma dhugaafi ulfi hindhokatu jedhamu jijjiirama wareegama Qeerroofi Qarree kumaatamaa as dhugaan awwaala keessaa ba’ee lallabaa jiru saboota haala akkasii keessa turanitti hamilee horuu danda’eera.
Jijjiirama hordofee umurii waggaa tokkoofi walakkaa hincaalle keessatti kan hundeeffame Waldaan Qorannoo Oromoo dhugaa Oromoo awwaalame bakkeetti baasuuf onnatee hojjetaa jira. Waldichi konfiraansii idiladdunyaa gahee Oromoon ijaarsa Itoophiyaa keessatti gumaacherratti xiyyeeffatu Kamisaafi Jimaata darbe adeemsiseera. Konfiraansicharratti waraqaaleen qorannoo 22 matadureewwan garagaraatiin hayyoota biyya keessaafi alaatiin dhiyaataniiru.
Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Waldichaa Obbo Taabor Waamii akka jedhanitti, bu’aa ba’ii ijaarsa Itoophiyaa keessatti Oromoon gumaata leencaa taphachuu qofa osoo hintaane gaaga’ama tures adda durummaan keessummeesseera. Gaheen kun daran olaanaa ta’uusaan shira barootaan dhokachuun hafee siidaa hinhaqamne ta’ee dhaloota har’aaf darbeera. Baroota baay’eef ittiyaadamee qorqalbii sabichaa miidhuun wayita ijaarsi Itoophiyaa ka’u waa’ee Oromoo kaasuun akka yakkaatti ilaalamaa ture kan jedhan ammoo Doktar Taaddasaa Jaalataati.
Jijjiiramni sirnoota abbaa lafaafi abbaa irree taasifamee dimokraasii dhugaan akka lafa qabatuuf gumaachi dargaggoo Oromoo bakka bu’iinsa hinqabu kan jedhan ammoo gahee dargaggoo Oromoo ilaalchisee warqaa qorannoo kan dhiyeessan Kaadhimamaa Doktaraa Dabalaa Fiixumaati. Kufaatii sirna mootummaa ADWUIfi as ba’uu mootummaa jijjiiramaaf qabsoon dargaggoo Oromoo adda dureedhas jedhaniiru.
Haa ta’u malee, osoo godaannisa kaleessaa faarsinuu wanti har’a Oromoo gidduutti adeemaa jiru hatattamaan sirrachuu baannaan cabiinsi hamaan qaxxisaa jiraachuu hubachiisanii; ammaan tana hayyootni siyaasaa Oromoo qooda dargaggoo Oromoo dubbachuurraa of qusachaa akka jiranis eeraniiru. Gama biraatiin dargaggoon humna waloon kaleessa dantaa Oromoo murteessaa ture har’a hayyoota Oromoon bakkawwan garagaraatti qircamuun walwaraansa Oromoo gidduutti taasifamaa jiruun walitti dabalamee kufaatii caalu dhaluu mala jedhan.
Akka qorannoowwan dhiyaatanirraa hubatametti; ijaarsa Itoophiyaa ammayyooftuu Minilikiin eegalame dhugoomsuu keessatti qoodni Ambaasaaddar Yilmaa Dheeressaa gita hinqabu. Birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuu keessattis qoodni jeneraalotaafi abbootii fardeenii lola Adwaarratti hirmaatanii olaanaadha. Sochii sirna dimokraasii ammayyaa keessatti qoodni qabsoo ilmaan Oromoofi sirna Gadaa himamee hindhumu.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
6 Comments to “ Oromoon saba guddaa ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaanaa gumaacheefi gumaachaa jiruudha”
Comments are closed.