Finfinneen keessummootashii Gamtaa Afrikaa simachuuf qophii barbaachisu xumurte

Finfinnee: Finfinneen nageenya amansiisaa ta’een keessummoota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa simachuuf qophii barbaachisaa xumuruu Biiroon Nageenyaafi Bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Miidhagsaa Kabbadaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, keessummootni yaa’ichaa haaluma barameen magaalattii keessa sodaa tokko malee akka socho’aniif qaamolee nageenyaa hunda waliin qindoominni uumameera.

Haalatti hawaasni magaalattii keessummoota kunneeniif simannaa ho’aafi kunuunsa barbaachisaa taasisurratti bal’inaan mari’atameera. Bakkeewwan murteessoo tokko tokkotti ammoo kaameeraan nageenyaa hojiirra oola.

Kanaan dura kabaja ayyaanota guguddoofi yaa’iiwwan idiladdunyaa duudhaa Itoophiyaanummaa madaaluun karaa nagaa kabajamanirraa muuxannoo horachuu ibsanii; yaa’iin Gamtaa Afrikaas karaa nagaatiin akka adeemsifamuuf abbootii hoteelaa dabalatee hawaasa sadarkaan jiru waliin mariin taasifamuu himaniiru.

Hannaafi saamicha yeroo gara yerootti bifa jijjiirrachuun magaalicha keessatti madda komii ta’an ilaalchisee Obbo Miidhagsaan akka jedhanitti, hanga humni biyyattii eeyyametti sochiin keessummootaafi bakki bultiisaanii teknolojiin kan to’atamu ta’a.

Hannaafi saamicha ittisuun nageenya keessummootaaf qofa osoo hintaane magaalaa teessoo dippiloomaatota idiladdunyaa madaaluu waan hin taaneef tumsa ummata bal’aa fedha. Kanaafuu, hannaafi saamicha maqsuu qofaaf osoo hintaane maqaa gaarii Finfinneefi ummatni qaban akkuma barame waardiyyaa ta’uun eeguu akka qabus dhaamaniiru.

Teknolojii caalaa yakka ittisuuf humna guddaa kan qabu ummata ta’uus himanii; hannaafi saamicha yeroowwan garagaraatti magaalattiitti bifa gadifageenya qabuun taasifamaa ture eeruu ummataatiin saaxilamee seeratti dhiyaachuus yaadachiisaniiru. Eeruu ummataatiin konkolaattonni hatamaniifi hanni konkolaataatti fayyadamuun taasifamu hedduun to’annaa seeraa jala ooluus dubbataniiru.

Nageenya kabachiisuun walqabatee namoota magaalattii keessatti to’annaa seeraa jala oolaa jiran ilaalchisee akka jedhanitti, namoota jireenyasaanii daandiirra godhatanii Biiroon Dubartootaafi Daa’immanii karaa dhaabbilee garagaraa deebisee dhaabuuf sochiin taasisaa jiru ni jira.

Haaluma kabaja ayyaanotaafi yaa’iiwwan akka Gamtaa Afrikaafaarratti sodaa nageenyaa hir’isuuf namoota jiraataa magaalattii hintaane qorachuun taatee baramaadha. Kanaa achi osoo qorannoorratti hinhundaa’in callisanii namoota daandii gubbaarraa qabanii hidhuun akka hinjirreefi rakkoon akkasii jiraannaan dhimmicha akka ilaalanis hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Finfinneen keessummootashii Gamtaa Afrikaa simachuuf qophii barbaachisu xumurte”

  1. Pingback: Phim tinh cam
  2. Pingback: sex viet
  3. Pingback: lottorich28

Comments are closed.