Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’ootaa Bara Hojii 3ffaa Yaa’ii Addaa 1ffaa kaleessa taa’een Labsii Yeroo Hatattaamaa nageenya lammiilee eegsisuuf Manni Maree Ministeerotaa yaa’ii Adoolessa 28 bara 2015 taasiseen baase baatiilee afuran ittaananiif akka dheeratu murteesse.
Ministir De’eetaan Ittiwaamamaa Mootummaa Pirofeesara Gargaaraa Miratuu Shaanqoo rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa mudateen walqabtee Labsiin Yeroo Hatattamaa hojiirra oole kun sababa rakkoo nageenyaan diigumsa mootummaa naannichaa mudachuu malu jalaa baraaruu qofa osoo hintaane naannichatti akka heerri hojiirra oolu taasisuusaa miseensota mana marichaaf ibsaniiru.
Ministirri Haqaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin faayidaa dheerachuu labsichaa ilaalchisanii akka dubbatanitti, naannichatti alseerummaa baatiilee ja’an darban dura naannichatti mudateen walqabatee labsichi hojiirra ooluunsaa heera diigamuu ittifufsiisuufi naannicha diigumsarraa baraaruu qofa osoo hintaane caasaalee mootummaa diigamanii turan irradeebiin ijaaruuf gumaacha guddaa taphateera.
Miseensotni mana marichaa gamasaaniin labsichi hojiirra ooluusaatiin yaaddoon nageenyaa akka biyyaatti ture nageenyi bakkatti deebi’uusaatiin hir’achuu qofa osoo hin taane xaa’oon qonnaan bultootaaf akka dhaqqabu taasisuu himanii; ammaan tanas aanaalee tokko tokkotti rakkoon nageenyaa waan jiruuf dheerachuunsaa barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Ta’us labsii kanatti fayyadamuun lammiilee nagaa hidhuufi hiraarsuun akka hinmudatneef of eeggannoon taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Walittiqabaan Boordii Qorannoo Labsii Yeroo Hatattamaa Obbo Azmaraawu Andaamoo akka dubbatanitti, hordoffiifi to’annoo baatiilee ja’an darbanitti taasifameen namoota kuma torbaafi 196 shakkiin to’annaa seeraa jala oolan keessaa kuma shanii ol leenjiin haaromsaa kennameefii gadilakkifamaniiru.
Xumurarrattis manni marichaa yaadni murtii dhiyaateef labsii lakkoofsa 5/2016 ta’ee mormii lamaan, dhorkannaa sagalee sadiifi sagalee caalmaadhaan akka dheeratuuf raggaasiseera. Yaada murtii dheeressuu bara hojii boordii qorattuu raawwii labsii yeroo hatattamaa dheerachuu labsii yeroo hatattamaa hordofee dhiyaateef labsii lakkoofsa 6/2016 ta’ee mormii lamaan sagalee caalmaatiin raggaasiseera.
Riippoortara Gaazeexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016
2 Comments to “Labsiin Yeroo Hatattamaa baatiilee afuriif dheerate”
Comments are closed.