Hojiin misooma sululaa Oromiyaa firii gaarii argamsiisaa jira

Jimma: Oromiyaatti hojiin misooma sululaa waggoota shanan darban hojjetaman firii gaarii argamsiisaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu Kamisa darbe yommuu hojii misooma sululaa baranaa Godina Jimmaa, Aanaa Naaddaa, Ganda Caffee Nagayaatti jalqabsiisan akka jedhanitti, hojiin naannichatti baroota darban hojjetame omishaafi omishtummaa qonnaa dabaluu keessatti bu’aa olaanaa argamsiiseera.

Akka isaan jedhanitti, hojichaan naannichatti lafti manca’e deebi’ee misoome omisha kennaa jira. Haroowwan, lageeniifi burqaawwan goganis deebi’aa jiru. Hojii misooma sululaatiin daagaa hidhuu qofa osoo hintaane hojiileen jiruufi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraniifi galii biyyaa dabalan hedduun hojjetamaniiru. Hojiileen akka misooma dammaa, horsiisa looniifi qurxummiifaas bu’aa gaarii argamsiisaniiru.

Naannichattii barana tajaajila lammummaatiin hojiin ummata miliyoona 9.8 hirmaachisuun lafa hektaara miliyoona 3.2 sagantaa misooma sululaatiin misoomsuuf guyyaa 60f kan turuudha. Godinaalee hundatti misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuus Obbo Geetuun ibsaniiru. Akka naannootti bakkeewwan hojichi itti hojjetamu sululawwan kuma ja’aafi 465 adda baafamuus dubbataniiru.

Jimmi godinaalee godina inisheetiviiwwan qonnaa itti lafa qabachaa jiraniifi hojiin misooma sululaa baay’inaan itti hojjetamaa jiruudha kan jedhan Obbo Geetuun; baranas hojii boonsaan akka hojjetamu abdii qaban ibsaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gamasaaniin godinichatti misooma sululaatiin hojiileen misooma qonnaa damdannessummaan hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaanis godinichi misooma dammaa kilaastara 510n akkasumas hojii kunuunsa biqiltuu kilaastata 510n hojjetaa jira. Hojii kilaastaroota misooma sululaatiin walqabatee namoota kuma shaniif carraan hojii uumamuu ibsaniiru.

Erga hojiin misooma sululaa kutannoon hojjetamuu jalqabee godinichi misooma muuzii finiinsaa jirra jedhanii, bara darbe godinichi muuzii kiiloograama kuma 74 gabaa alaatti erguus yaadachiisaniiru. Bishaan godinichi qabuttis fayyadaman barana oomisha jallisii boneetiin qofa lafa hektaara kuma 453 misoomsaa jiraachuus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Hojiin misooma sululaa Oromiyaa firii gaarii argamsiisaa jira”

  1. Pingback: lucabet88

Comments are closed.