Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, Yesuus Kiristoos dhalachuun imallisaa kufaatii Addaam kan hordofe ta’uu eeraniiru.
Ayyaana Cuuphaa wayita kabajnu, dhimmoota amantiifi aadaatti dabalataan wantoota imala dhala namaaf faayidaa qaban akka yaadamu imaanaa jedhanii, hojiilee akka biyyaatti hojjetaman kaayyoo lamaaf, jechuunis biyya baraaruufi daandiilee biroo argisiisuu ta’uu kaasan.
Itoophiyaan biyya cabiinsa hedduu keessa dabarsite ta’uu himanii, Kiristoos akkuma Addaamiif gaddee Itoophiyaanis kan gadduuf barbaaddi jedhan. Har’a wayita biyya baraaruuf hojjennutti kanneen biyyarratti miidhaa caalu fiduuf socho’an jiraachuu eeruun, balleessuun baraarsa waan hin injifanneef injifatamanii hafuunsaaniis waan hafu akka hintaane kaasu.
Hojiileen biyya baraaruu hojjetaman namoota hundaaf ifa akka hintaane, hanga namoonni walitti qabamanitti, hubataniifi gamtaa’anitti eeguun hojii biyya baraaruu hojjechuu dandeenya; wantoonni yeroon itti ifa ba’an jiru jechuunis ibsan.
Biyya baraaruuf hojiileen hojjetaman akka ibsaa har’a ifuu dhiisuu mala kan jedhan Doktar Abiyyi, hundatti walqixa akka hinmul’anne himu. Yeroo rakkoowwan darban keessa ce’aa akkasumas, haala biyyaalessaa haaraatti ce’aa jiraachuun yeroof mul’achuu dhiisuu akka danda’u, cuuphaa boodas hundaaf akka ife, lammaffaa dhalachuufi haaromsi Itoophiyaa hundaaf yeroon itti mul’atu akka dhufu eeraniiru.
“Akkuma Kiristoos daandii cabiinsaa Addaam hordofee bakka kufee hundaa kaase, hojiin biyya baraaruu daandii cabiinsaa biyyaa hordofuu gaafata. Tokkoon tokkoo boqonnaa jiruutti bakka biyyi itti kufte barbaaduun kaasuu kan gaafatuufi barbaachiifi imalli jirus qormaataan kan guutameedha” jedhan. Ayyaanni Cuuphaas boqonnaawwan lama gidduutti boqonnaa argamu yoo ta’u, kunis ummata hedduuf kan hinifoomneefi kan ifoomeef gidduutti kan argamu ta’uu dubbatan.
Bara tajaajila waggoota 33 keessatti ummataaf kan ifa ta’e caalaa barri tajaajilaa ifaa hintaane akka baay’atu, wanti ajaa’ibsiisaan biraan ammoo wayita ummata hundaaf ifettillee ummanni hundi hubatee tokkummaan dhaabbachuu dhabuudha jedhaniiru.
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11 / 2016
4 Comments to ““Cuuphaa wayita kabajnu, amantiifi aadaa cinaatti wantoota imala dhala namaaf fayyadan haa yaadnu” – Abiyyi Ahmad (PhD)”
Comments are closed.