Marii biyyaalessaa dhiyootti eegaluuf hojiin hirmaattota calaluu gara xumuraatti jira

Finfinnee: Marii biyyaalessaa yeroo dhiyoo keessatti eegaluuf naannolee Amaaraafi Tigraayirraa kan hafe hojiin hirmaattota calaluu gara xumuraatti dhufuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Komishinarri Komishinichaa Yoonaas Adaayyee (PhD) Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannolee Amaaraafi Tigraayirraa kan hafe calalliin hirmaattotaa xumurameera. Ameerikaa kutaalee muraasarraa kan hafe hawaasa

 Diyaasporaa golee addunyaa arfan jiran waliin mariin taasifameera. Bakkeewwan mariin taasifamu hunda xumuruun mariin biyyaalessaa yeroo dhiyoo keessatti eegala. Tasgabbiin nageenyaa uumamnaan qaamolee qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran hunda waliin marii taasisuuf komishinichi qophii ta’uu himanii, ammatti garuu yaadni qaama hundaa akka dhaga’amuuf, gaaffii qaamoleen kunneen qabatanii qabsaa’aa jiran keessummeessuuf hawaasa isaan ni qabsoofnaaf jedhanirraa yaadniifi bakka bu’iinsi fudhatamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Qaamoleen hidhatanii socho’an hawaasa yaadasaanii hirmaatuufi hordofu qabaachuusaanii ilaalcha keessa galchuun, keessattuu qaamolee Oromiyaa keessatti yeroo ammaa qabsoo hidhannoo taasisaa jiran waliin kallattiin mariin adeemsifamuu baatus hawaasa yaada qaamolee kana qooddatan bakka buusuusaanii ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, hirmaachisummaan marii biyyaalessaa Itoophiyaan taasisaa jirtu kan biyya kamuu caalaa fooyya’aadha. Biyya kamittuu nama hunda mariirratti hirmaachisuun hindanda’amu; ta’us yaadni namoota hundaa bakka bu’ummaan akka keessummeeffamu taasifamaa jira. Bakka bu’ummaan akkanaa seenaa jalqabbii dimokiraasii biyya Giriikii keessattuu kan ta’ee hinbeeknedha.

Bakkaa bakkatti garaagarummaan jiraatus  kanaan dura hirmaannaan dubartootaa haala barbaadameen ta’uu dhabuu himanii, haala amma jiruun garuu hirmaannaan dubartootaa harka walakkaa ta’uu himaniiru. Hirmaannaa dubartootaarratti kan hojjetu koreen koorniyaa addatti hundaa’us akkasumas Waldaalee Siivikii Hawaasaa kan hoggantu dubartii ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Marii hanga ammaatti kutaalee hawaasa garaagaraa waliin taasifameerraa ummatni biyyattii dheebuu nageenyaa guddaa akka qabu hubachuu eeranii, keessattuu hawaasa diyaasporaa golee addunyaa garaagaraa jiran waliin taasisaniin baay’eensaanii maallaqa, teknolojiifi yaadaan tumsa taasisuuf fedhii olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Kana jechuun diyaasporaan muraasni sochii kana hinmorman jechuu osoo hintaane dhibbantaan 90n fedhii inni agarsiise kan caalaatti hojjechuuf isaan onnachiise ta’uu ibsaniiru.

Gama birootiin rakkoon nageenya amma jiru ilaalchisee Doktar Yoonaas akka jedhanitti, sochii komishinichaarratti hanga tokko dhiibbaa akka uumuu kaasanii, ta’us mariin kan barbaachiseef waldhabbiin waan jiruuf waan ta’eef gufuu guddaa akka hintaane himu. Biyyootni akka Beeniin, Keeniyaafi Tuuniziyaafaa gama tokkoon waraanni osoo jiruu gama biraan marii taasisuun gara tasgabbiitti dhufuufi kan Itoophiyaas kanarraa waan adda ta’u akka hinqabne kaasu.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii  11 / 2016

Recommended For You

5 Comments to “Marii biyyaalessaa dhiyootti eegaluuf hojiin hirmaattota calaluu gara xumuraatti jira”

  1. Pingback: Apple gift card
  2. Pingback: toto slot
  3. Pingback: car detailing

Comments are closed.