“Ayyaanni Cuuphaa ayyaana fakkeenyummaa, tokkummaafi miidhagummaati” – Abbootii Amantii

Finfinnee: Kabajni Ayyaana Cuuphaa duudhaa amantiirra kan darbe ayyaana fakkeenyummaa, tokkummaafi miidhagummaa ta’uu Abbootiin Amantii garaagaraa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsan.

Raawwachiisaa Hojii Ittaanaan Mana Lubummaa Waliigalaa Mana Amantii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Luba Kitilaa Balaay Makonnon akka jedhanitti, Ayyaanni Cuuphaa ayyaana fakkeenyummaa, tokkummaafi miidhagummaa Itoophiyaatti bifa addaan kabajamudha. Kabajni ayyaanichaa bifa ho’aafi ajaa’ibsiisaa ta’uunsaa galmee addunyaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf sababa ta’eera, Ayyaanni galmee addunyaatti galmaa’e faayidaa biyyaaf argamsiisuun kun kan kirsitaanotaa qofaa osoo hintaane kan Itoophiyaanota maraati jedhanii, ayyaana guddaa ummata bal’aan dirreerratti kabajamuufi tokkummaa jabaan itti calaqqisu ta’uu ibsaniiru. “Wandaboon cuuphaaf hintaane haa ciccitu” wanti jedhamuufis guddummaafi miidhagummaa ayyaanichaa mul’isuuf akka ta’es yaadachiisaniiru.

Kiristoos Waaqa guddaa ta’ee osoo jiruu gad of deebisee harka Yohaannisitti cuuphamuunsaa gad of deebisuun obboleessarraa tajaajilamuufi tajaajiluu nu barsiisuuf kan jedhan Lubni Kitilaa Balaay, ummatni biyyattiis garaagarummaa amantiifi sabummaan osoo hindaangeeffamin gidduusaaniitti jaalalaafi kabaja akka dagaagsan dhaamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Barreessaa Olaanaan Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaa gamasaaniin, ayyaanni cuuphaa Silaasseen (Abbaa, Ilmaafi Afuurri Qulqulluu) kan argame ta’uu yaadachiisanii, ayyaanni kun ayyaana dirreerratti kabajamu waan ta’eef kabaja ayyaannichaarratti hordoftoota amantii kiristaanaa qofa osoo hintaane kanneen biroos ni argamu. Daawwattoonni biyya keessaafi alaa waan irratti argamaniif ayyaana tokkummaa ta’uusaa ibsaniiru.

Dirree ayyaanichi itti kabajamu qulqulleessuu, nyaata bilcheessuufi keessummoota ayyaanichaa simachuuf haalli Itoophiyaanotni garaagarummaa amantii malee waltumsan mataansaa kan nama boonsu ta’uus dubbataniiru.

Haa ta’u malee, ayyaanni kun ayyaana amantii waan ta’eef gochaafi ilaalcha kabaja ayyaanichaa xiqqeessurraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisanii, Ayyaana Cuuphaa dabalatee kabaja ayyaanota garagaraarratti alaabaafi dhaadannoo siyaasaa fayyadamuun kaayyoo kabaja ayyaanichaa kan hinibsine qofa osoo hintaane ulfaatina ayyaanichaa daran akka xiqqeessu himu.

Gartuu muraasni yeroo eeggatanii kabaja Ayyaana Iidaarratti akkasuma Fiigicha Guddicha Itoophiyaafaa dabalatee akka carraatti fayyadamuun ilaalcha siyaasaafi jibba qaban calaqqisiisaa turuu yaadachiisanii, Ayyaana Cuuphaa galmee addunyaarratti galmaa’e kanarratti ergaan darbu hundi of eeggannoofi miira ittigaafatamummaa qabuun akka ta’us hubachiisaniiru.

Bifa yeroo kamuu ta’ee hinbeekneen mootummaan osoo haala mijeessaa, dirree kabaja ayyaanotaa qulqulleessaafi gaaffii jiruuf waltajjii qopheessaa jiru tibba darbe ergaa abbaan amantii tokko biyya hambaa taa’ee dabarse daran kan nama mufachiisu ta’uu himanii, nama golga amantiin dhaloota summeessuuf kaatu akkasiirratti olaantummaan seeraa dirqama ta’uu dhaamaniiru. Ayyaanichi ayyaana nagaa, tokkummaafi jaalalaa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii  11 / 2016

Recommended For You

One Comment to ““Ayyaanni Cuuphaa ayyaana fakkeenyummaa, tokkummaafi miidhagummaati” – Abbootii Amantii”

  1. Pingback: sex 2024

Comments are closed.