Finfinnee: Haalli kabaja Ayyaana Cuuphaa Hara Dambal turistoota haalaan hawwachaa jiraachuu Bulchiinsi Magaala Baatuu beeksise.
Kantiibaan magaalichaa Obbo Ahmaddiin Ismaa’el Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, magaalichatti kabajni Ayyaana Cuuphaa bara kanaa kan baroota darbaniirraa haala adda ta’een bifa ho’aafi miidhagaatiin kabajama kanaafis qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojetamaa jira.
Akkasaan jedhaniti, Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun agarsiisni Hara Dambalirratti waggaa waggaadhaan qophaa’u madda turiizimii ta’aa jira. Baay’inni turistoota agarsiisicharratti argamaniis yeroodhaa gara yerootti dabalaa kan dhufe yoo ta’u, bara kana haala adda ta’een kabajuufis bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee miidiyaa waliin ta’uun hojii piromooshinii adda addaa hojjechaa turuu himu.
Naannawaa ayyaanichi itti kabajamus turistootaafi hawaasa ayyaanicha kabajanif mijataa gochuuf koree miseensa abbootii qabeenyaafi qaama mootummaa hammate hundeessuun hojjetamaa turuu dubbatu.
Wayita Ayyaanni Cuuphaa kabajamu qofa osoo hintaane magaalichiifi naannawaansaa waggaa guutuu turistootaan akka daawwatamu gochuuf bu’uraalee misoomaa barbaachisan guutuudhaan, namootaafi dhaabbilee damee tajaajila turiizimiirratti hirmaataniifi tajaajila kennan jajjabeessuudhaan gara hojjiitti akka galan taasifamaa jiras jedhaniiru.
Magaallisaanii rakkoo nageenyaarraa bilisa ta’uu ibsanii, namootni gara magaalichaatti daawwannaa, bashannanaafi kabaja ayyaanichaaf imalan yaaddoo tokko malee bakka fedhan dhaqanii daawwachuuf wanti isaan rakkisu akka hinjirre hubachiisaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 11 / 2016